Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Andiree Leediyaaykii

SADAASA 18, 2021
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME | Obboleessi Andiree Leediyaaykiin Michummaan Inni Yihowaa fi Dhugaa Baatota Kaanii Wajjin Qabu Cimee Akka Itti Fufu Isa Gargaaraa Jira

ODUU HAAREFFAME | Obboleessi Andiree Leediyaaykiin Michummaan Inni Yihowaa fi Dhugaa Baatota Kaanii Wajjin Qabu Cimee Akka Itti Fufu Isa Gargaaraa Jira

Ebla 26, 2022, Manni Murtii Magaalaa Seversikii inni Naannoo Toomiskiitti argamu Obboleessi Andiree Leediyaaykiin yakkamaa akka taʼe murteesse, akkasumas hidhaa jiʼa 26 itti murteesse. Yeruma sana mana hidhaa galfame.

Chaartii Yeroo

  1. Adoolessa 12, 2021

    Himanni Andiree ilaalamuu jalqabe

  2. Bitootessa 30, 2021

    Andireen sochii jaarmiyaa finxaalessaa taʼee irratti hirmaateera jedhamee himatame

  3. Bitootessa 29, 2021

    Andireen imala akka hin goone dhorkame

  4. Bitootessa 25, 2021

    Andiree irratti himanni yakkaa ni baname. Kanaan kan kaʼe hojii irraa ariʼame

  5. Adoolessa 14, 20

    Poolisoonni Tajaajila Nageenya Federaalaa fi poolisoonni lama bakka hojii isaa dhaqanii Andiree qaban. Boodas saʼaatii 12f mana isaa sakkattaʼan.

  6. Bitootessaa-Ebla 2020

    Miseensi Tajaajila Nageenya Federaalaa tokko Kitaaba Qulqulluuf fedhii kan qabdu fakkaattee maree Andiree fi obbolootaa fi obboleettota kaanii wajjin gootu ni waraabdi turte

Ibsa Gabaabaa

Andireen haala rakkisaa keessa kan jiru taʼus, “karaa adda taʼeen” qabamaa akka jiru beekuun keenya nu jajjabeessa.—Faarfannaa 4:3.