Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Anaatolii Garbunoovii fi haadha manaa isaa, Galinaa

HAGAYYA 5, 2021
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME | Obboleessi Keenya Anaatolii Garbunoov Irra Deddeebiʼee Kadhannaa Dhiheessuun Isaa Gammachuu Isaa Eegee Akka Jiraatu Isa Gargaareera

ODUU HAAREFFAME | Obboleessi Keenya Anaatolii Garbunoov Irra Deddeebiʼee Kadhannaa Dhiheessuun Isaa Gammachuu Isaa Eegee Akka Jiraatu Isa Gargaareera

Waxabajjii 21, 2022, Manni Murtii Naannoo Kiraasnaayaarsik ol iyyanno obboleessi keenya Anaatolii Garbunoov dhiheesse fudhachu dide, akkasumas murtii isatti murtaaʼee ture deggeree murteesse. Dhiheenyatti mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisan irraa gara mana hidhaatti dabarfama.

Guraandhala 2, 2022, Manni Murtii Koonyaa Oktaabaskii Magaalaa Kiraasnaayaarsik Obboleessi keenya Anaatolii Garbunoov yakkamaa akka taʼe murteesse, akkasumas hidhaa waggaa jaʼa itti murteesse. Yeruma sana mana hidhaa galfame.

Chaartii Yeroo

  1. Guraandhala 9, 2021

    Himanni yakkaa Anaatolii irratti ni baname

  2. Fulbaana 15, 2020

    Manni Anaatolii yeroo lammaaffaadhaaf sakattaʼameera. Abbootiin taayitaa furtuuwwan mana isaa fudhataniiru

  3. Bitootessa 25, 2020

    Himanni yakkaa obboleessa Anaatolii irratti baname. Kan himatames walgaʼiiwwan jaarmiyaa dhorkamee qindeessiteetta jedhamee ti

  4. Sadaasa 7, 2018

    Manni obboleessa keenya Anaatolii ganama bariidhaan sakattaʼame. Abbootiin taayitaa laaptooppii, taableetii, filaashii, hardi diraayivii fi moobaayilii lama fudhataniiru. Obboleessi keenya Anaatoliin gara biiroo Koree Qorataa Yakkaa Federeeshinii Raashiyaatti geeffamee, achiis saʼaatii tokko booda gadhiifame

Ibsa Gabaabaa

Obboleessi keenya Anaatolii fi maatiin isaa kadhannaa dhiheessuudhaan Yihowaatti amanamuu isaanii hamma itti fufanitti, inni gammachuu isaanii eeganii akka jiraataniif akka isaan deggeruu fi akka isaan gargaaru amanannaa guutuu qabna.—Faarfannaa 25:1, 2.