Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessi Sargee Biloowusoov

EBILA 1, 2022
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME | Obboleessi Keenya Sargee Biloowusoov Maqaa Waaqayyootiif Falmeera

ODUU HAAREFFAME | Obboleessi Keenya Sargee Biloowusoov Maqaa Waaqayyootiif Falmeera

Waxabajjii 30, 2022, Manni Murtii Naannoo Toomiski ol iyyannoo obboleessi keenya Sargee Biloowusoov dhiheeffatee ture utuu hin fudhatin hafeera. Yeroo kanatti garuu mana hidhaa hin galu.

Ebla 14, 2022​tti, Manni Murtii Magaalaa Siiviriskii Naannoo Toomiski Sargeen yakkamaa akka taʼe murteesse, akkasumas waggaa sadiif daangaa jala akka turu murteesse.

Chaartii Yeroo

  1. Adoolessa 14, 2020

    Polisoonni Tajaajila Nageenyaa Federaalaa mana sargee dabalatee manneen torba sakattaʼan. Basaasaan mootummaa nama Kitaaba Qulqulluuf fedhii qabu fakkaatee manneen isaanii sakkataʼamuu isaa jiʼoota dura walgaʼiiwwan gumii dhoksaadhaan waraabe ture.

  2. Bitootessa 25, 2021

    Himanni yakkaa Sargee irratti baname

  3. Bitootessa 30, 2021

    Sargeen wanta basaasaan mootummaa sun waraabe irratti hundaaʼee himatame. Sargeen meeshaalee viidiyoo konfiransiitti fayyadamee faarfannaa waan faarfateef,Yihowaatti kadhannaa waan dhiheessee fi sochii amantii irratti waan hirmaateef himatame

Ibsa gabaabaa

Akkuma Sargee maqaa Yihowaa yeroo jajannu, ‘jabina saba isaa akka ol kaasu’ amanannaa guutuu qabna.—Faarfannaa 148:13, 14.