Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Sargee Miilnikoov

BITOOTESSA 25, 2021
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME | Obboleessi Keenya Sargee Miilnikoov Yeroo Sababa Amantaa Isaatiin Mana Hidhaa Keessa Tursiifametti Yihowaan ‘Humna Humna Caalu’ Akka Isaaf Kenne Dubbate

ODUU HAAREFFAME | Obboleessi Keenya Sargee Miilnikoov Yeroo Sababa Amantaa Isaatiin Mana Hidhaa Keessa Tursiifametti Yihowaan ‘Humna Humna Caalu’ Akka Isaaf Kenne Dubbate

Caamsaa 12, 2022, Manni Murtii Naannoo Piriimooree ol iyyannoo obboleessi keenya Sargee Miilnikoov dhiheesse fudhachuu dide. Haa taʼu malee yeroo kanatti mana hidhaa hin galu.

 

Guraandhala 3, 2022,Manni murtii Aanaa Ussuriisk inni Naannoo Piriimooree keessatti argamu Sargeen yakkamaa akka taʼe murteesse. Waggaa sadiif dhorkaa tokko tokko jala akka turu itti murtaaʼe.

Ibsa Gabaabaa

Sargee Miilnikoov

  • Bara Dhalootaa: 1973 (Teernii, Naannoo Piriimooree )

  • Seenaa Jireenyaa: Hojii mukaa, ibidda dhaamsuu, qurxummii qabuu fi hojii waardiyyummaa hojjeta. Ijoollummaa isaatti tapha hookii jedhamuu (tapha qillee) fi kubbaa harkaa taphachuu jaallata. Bara 2000 keessa Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabe. Bara 2003​tti magaalaa Ussuriiskitti erga galee booda cuuphame

Himata

Obboleessi keenya Sargee Miilnikoov yakkamaa jedhamee himatamuu kan jalqabe Waxabajjii 2019 irraa eegalee ti. Nama fedhii qabuu wajjin Kitaaba Qulqulluu irratti utuu mariʼatuu qaamoleen mootummaa qabanii isa hidhan. Qaamoleen kun mana isaas sakattaʼuudhaan laaptooppii isaa fi moobaayilii isaa jalaa fudhatan.

Sargeen iddoo turmaataa keessa jiʼa afur kan ture yeroo taʼu guyyaa 145f immoo mana isaa keessatti hidhameera. Sargeen yeroo tokko tokko jabina ariʼatama dandamachuuf isa barbaachisu akka hin qabne isatti dhagaʼama ture. Yeroo miirri akkasii isatti dhagaʼamaa turetti yaada 1 Qorontos 10:13 irratti yaaduudhaan jabina argateera. Akkana jedheera: “Yihowaan rakkinni akkasii akka narra gaʼu erga heyyamee dandamachuu akkan dandaʼun hubadhe.” Itti dabaluudhaanis, “Yihowaan ‘humna humna caalu naaf kenneera’” jechuudhaan dubbateera.—2 Qorontos 4:7.

Sargeen mana isaa keessatti hidhamaa kan ture taʼus, Guraandhala 25, 2020​tti hidhaa sana jalaa baʼeera. Haa taʼu malee, qoqobbii imalaa jala jira.

Yeroo murtii darbu eeggannu kanatti, Yihowaan Sargee, akkasumas obbolootaa fi obboleettota keenya Raashiyaa keessa jiraniif “gargaaraa fi gaachana” isaaniif taʼuu isaa akka itti fufu ni amanna.—Faarfannaa 115:11.