Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Aleksaandar Filaatoov

FULBAANA 21, 2022| ODUU HAAREFFAME: AMAJJII 2, 2023
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME—Obboleessi Keenya ni Hidhame | Wanta Gammachuu Nuuf Argamsiisurratti Xiyyeeffachuu

ODUU HAAREFFAME—Obboleessi Keenya ni Hidhame | Wanta Gammachuu Nuuf Argamsiisurratti Xiyyeeffachuu

Muddee 28, 2022, Manni Murtii Godinaa Okitiyaabirskii inni Kiraasnoyaarisikitti argamu, obboleessi keenya Aleksaandar Filaatoov yakkamaa akka taʼe murteesse. Hidhaa waggaa jaʼatu isatti murtaaʼe. Akkuma hidhamee jirutti itti fufa.

Chaartii Yeroo

  1. Adoolessa 9, 2021

    Himanni yakkaa Aleksaandar irratti baname. Sochii jaarmiyaa finxaalessaa taʼee gurmeessiteetta jedhamee himatame.

  2. Adoolessa 11, 2021

    Mannisaa ni sakattaʼame

  3. Adoolessa 13, 2021

    Qabamee gara Ministeera Dhimma Biyya Keessaatti geeffame

  4. Adoolessa 15, 2021

    Waajjira poolisiitti hidhame

  5. Amajjii 20, 2022

    Himanni yakkaa ilaalamuu jalqabe

Ibsa Gabaabaa

Amanamummaan Aleksaandar argisiise, Yihowaan warra ‘gammachuu fi garaa gammaduun’ isa tajaajilan akka eebbisu nu yaadachiisa.—Keessa Deebii 28:47.

a Yeroo oduun kun qophaaʼaa turetti obboleessi keenya Filaatoov waajjira poolisiitti hidhamee waan tureef yaadasaa argachuu hin dandeenye.