Dhimma ijoo ta'etti seeni

CAAMSAA 12, 2021
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME| Obboleettiin Siveetlaanaa Moyinyiis Ol Iyyannoo Dhiheessitus Fudhatama hin Arganne

ODUU HAAREFFAME| Obboleettiin Siveetlaanaa Moyinyiis Ol Iyyannoo Dhiheessitus Fudhatama hin Arganne

Bitootessa 9, 2022, Manni Murtii Jeewiish Awutoonoomoos murtii obboleettii Siveetlaanaa Moyinyiis yakkamtuu akka taate itti murtaaʼe irra deebiʼame akka ilaalamu godhe. Dhimmi ishii irra deebiʼame akka ilaalamuuf gara Mana Murtii Koonyaa Biraabiidizhaaniskii isa Naannoo Jeewiish Awutoonoomoos jiruu ergameera.

Caamsaa 12, 2021, Manni Murtii Jeewiish Awutoonoomoos ol iyyannoo obboleettiin Siveetlaanaan dhiheessite utuu hin fudhatin hafeera. Manni murtiin Raashiyaa iyyannoo abbaan alangaa murtiin ishii inni jalqabaa akka sirreeffamu gaafate deggeree murteesse. Manni Murtichi adabbii ruubilee 10,000 (doolaara Ameerikaa 135) daangaa waggaa lamaa fi jiʼa jaʼatti jijjiireera. Taʼus, yeroo ammaatti mana hidhaa galuun ishii hin barbaachisu.