Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaa gara mirgaatti, toora tokkoffaa: Obboleessa keenya Yuurii Geereskoov, Maakar Hooltuuriin, Vilaadimiir Karaabeenikoovii fi Anzeey Oniisjuuk. Toora lammaffaa: Obboleessa keenya Andreey Suvoorkoov, Yiivgeenii Suvoorkoovii fi Vilaadimiir Vasiiliyoov

EBLA 22, 2021
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME | Obboloonni Keenya Bakka Turmaataa Keessa Akka Turanii fi Mana Isaanii Keessatti Akka Hidhaman Yeroo Taasifamanitti Kadhannaa, Qoʼannaa fi Jajjabinni Kitaaba Qulqulluu Keessaa Argatan Jabaatanii Dhaabbachuuf Isaan Gargaareera

ODUU HAAREFFAME | Obboloonni Keenya Bakka Turmaataa Keessa Akka Turanii fi Mana Isaanii Keessatti Akka Hidhaman Yeroo Taasifamanitti Kadhannaa, Qoʼannaa fi Jajjabinni Kitaaba Qulqulluu Keessaa Argatan Jabaatanii Dhaabbachuuf Isaan Gargaareera

Waxabajjii 3, 2022, Manni Murtii Koonyaa Peervoomaayiskii inni Magaalaa Kiiroov jiru obboloonni keenya Maakar Hooltuuriin, Vilaadimiir Karaabeenikoov, Anzeey Oniisjuuk, Andreey Suvoorkoov, Yiivgeenii Suvoorkoovii fi Vilaadimiir Vasiiliyoov yakkamtoota akka taʼan murteesse. Obboloota kanatti waggaa jaʼaa fi jiʼa jaʼaa hamma waggaa lamaa fi jiʼa jaʼaaf daangaa jala akka turan itti murtaaʼeera. Taʼus yeroo kanatti mana hidhaa hin galani. Obboleessi keenya Yuurii Geereskoov himanni isarratti dhihaate utuu ilaalamee hin dhumin kan duʼe taʼus manni murtichi yakkamaa akka taʼe murteesseera.

Ibsa gabaabaa

Yuurii Geereskoov

  • Bara Dhalootaa: 1956 (Azarbaajaan)

  • Bara Itti Duʼe: Ebla 24, 2020

  • Seenaa Jireenyaa: Ijoollummaa isaatii eegalee kubbaa miillaa fi suuraa kaasuu jaallata ture. Garee muuziqaa keessatti hojjechaa ture. Bara 1993​tti haala siyaasaa Azarbaajaan keessa tureen kan kaʼe gara Raashiyaatti baqate. Bara 2011​tti Aliivtiinaa wajjin gaaʼela godhatan. Baruma sanatti cuuphamuudhaan Dhugaa Baatota Yihowaa taʼan. Hiriyoonni gaaʼelaa kun bakkee keessa deemuu fi michoota isaanii gaafachuun isaan gammachiisa.

Maakar Hooltuuriin

  • Bara Dhalootaa: 1974 (Kiiroov, Naannoo Kiiroov)

  • Seenaa Jireenyaa: Jaalala dubbisuu kan horate ijoollummaa isaatii eegalee ti. Yeroo jalqabaatiif Kitaaba Qulqulluudhaaf xiyyeeffannaa kennuu kan eegale bara 1993​tti ture. Bara 1995​tti cuuphamuudhaan Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe. Warra isaa dullooman ni kunuunsa. Warri isaa Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu baatanis amantii isaa hin morman.

Vilaadimiir Karaabeenikoov

  • Bara Dhalootaa: 1952 (Odola Diiksoon, Naannoo Kiraskiyaaskii)

  • Seenaa Jireenyaa: Abbaan isaa qorataa garba Arkitikii ti. Vilaadimiir ijoollummaa isaatti waa fakkeessee uumuu jaallata ture. Hojii ujummoo bishaanii fi makaanikummaa hojjeta ture. Yeroo ammaatti sooroma baʼeera, qurxummii qabuu jaallata.

    Innii fi haati manaa isaa Oolgaan gara naannoo bara 1990​tti Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqaban. Keessumaa raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu baayʼee isa dinqisiisu turan. Bara 1996​tti cuuphame. Qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu ilma isaanii fi intala isaanii dabalatee maatiin isaanii gammachuu akka qabaatan gargaareera

Anzeey Oniisjuuk

  • Bara Dhalootaa: 1968 (Biyaalistook, Poolaandi)

  • Seenaa Jireenyaa: Dargaggummaa isaatti kubbaa taphachuu fi ulfaatina kaasuu jaallata ture. Bara 1990​tti cuuphame. Gara magaalaa Kiiroovitti kan gale bara 1997​tti ture. Hogbarruuwwan Raashiyaa dubbisuu jaallata. Bara 2002​tti Aanaa wajjin gaaʼela godhatan. Bakkee baʼanii bashannanuu, waakkoo barbaaduu fi kubbaa miillaa taphachuu jaallatu

Andreey Suvoorkoov

  • Bara Dhalootaa: 1993 (Kiiroov, Naannoo Kiiroov)

  • Seenaa Jireenyaa: Haati isaa ijoollummaa isaatii kaastee dhugaa isa barsiisteetti. Ijoollummaa isaatti saayinsii barachuu fi taphawwan ispoortii, keessumaa kubbaa saaphanaa taphachuu jaallata ture. Bara 2007​tti cuuphamuudhaan Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe. Hojii loltummaa irratti hirmaachuu mannaa namoota qoricha sammuu hadoochu fudhachuudhaan miidhaman waldhaanuu irratti hojjechaa ture. Bara 2016​tti Setlaanaa wajjin gaaʼela godhatan. Taphawwan ispoortii taphachuu jaallatu

Yiivgeenii Suvoorkoov

  • Bara Dhalootaa: 1978 (Kuumiyoonii, Naannoo Kiiroov)

  • Seenaa Jireenyaa: Ijoollummaa isaatti cheezii taphachuu, tapha hookii (tapha qillee) taphachuu fi muuziqaa dhaggeeffachuu jaallata. Hojii elektirikii hojjeta. Umurii isaa waggaa 16​tti Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabe. Bara 1995​tti cuuphame. Yeroo umuriin isaa waggaa 18 turetti, hojii loltummaa irratti hirmaachuu mannaa hojii biraa hojjechuuf gaafatee ture. Siʼa jaʼa mana murtiitti erga dhihaatee booda, hojii tajaajila hawaasummaa irratti akka hirmaatu isaaf heyyamame. Bara 2000​tti Setlaanaa wajjin gaaʼela godhatan; ilma ishii Andreey (isa olitti ibsame) waliin guddisaa turan

Vilaadimiir Vasiiliyoov

  • Bara Dhalootaa: 1956 (Peermi)

  • Seenaa Jireenyaa: Ijoollummaa isaatti kubbaa miillaa taphachuu jaallata. Hojii ujummoo bishaanii fi konkolaachisummaa hojjeta ture. Amma garuu sooroma baʼeera. Innii fi haati manaa isaa Naadeezhaadaa Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kan jalqaban bara 1990​mmoota keessa ture. Bara 1994​tti immoo ni cuuphaman

Himata

Onkoloolessa 9, 2018​tti abbootiin taayitaa manneen Dhugaa Baatota Yihowaa Kiiroovitti argamu 14 sakattaʼanii turan. Kanaan kan kaʼes, obboloonni keenya Maakar Hooltuuriin, Vilaadimiir Karaabeenikoov, Anzeey Oniisjuuk, Andreey Suvoorkoovii fi Yiivgeenii Suvoorkoov ni qabaman. Achiis, bakka turmaataa keessa isaan tursiisan. Bara 2019 jiʼa Amajjii fi Adoolessaatti obboloonni keenya Vilaadimiir Vasiiliyoovii fi Yuurii Geereskoovis ni himataman.

Vilaadimiir Karaabeenikoov jiʼa lamaa oliif bakka turmaataa keessa ture. Haadha manaa isaa ishii dhukkubsattee fi intala isaa akka kunuunsuuf adabbiin mana isaa keessatti akka hidhamu itti murteeffame irraa kaafameera. Maakarii fi Andreey jiʼa sadii oliitiif bakka turmaataa keessa turan. Yiivgeeniin immoo gara jiʼa shaniif achi keessa ture. Akkasumas, Anzeey immoo guyyaa 327f bakka turmaataa keessa akka turu godhameera. Obboloota kana keessaa baayʼeen isaanii mana isaanii keessatti akka hidhaman godhamaniiru. Taʼus, naannoo jiraatan keessaa akka hin baane dhorkamaniiru.

Yeroo bakka turmaataa sana keessa turanitti, maatii isaanii irraa adda baʼuun isaanii baayʼee isaanitti ulfaatee ture. Taʼus, Yihowaan maatii isaanii akka kunuunsu ni amanu turan.

Fakkeenyaaf, Oolgaa haati manaa Vilaadimiir Karaabeenikoov hirʼina qaamaa qabdi. Vilaadimiir, “Haadha manaa koo ishii gargaarsi ishii barbaachisu kophaatti manatti dhiisee deemuun koo baayʼee natti ulfaatee ture” jedheera. Yeroo abbootiin taayitaa sakattaʼaa turanitti bilbila ishii akka jalaa fudhatanis dubbateera. Obboleettiin tokko, obboloonnii fi obboleettonni haadha manaa isaa kunuunsaa akka jiran xalayaadhaan yeroo itti himtu garuu ni tasgabbaaʼe. Yeroo boodas xalayaa Olgaan fayyaa taʼuu ishii ilaalchisee isaaf barreessite isa qaqqabe.

Sochiin obbolootaa waan daangeffameef, akkasumas makaraarsitoota jedhamanii waan himatamaniif haalli rakkisaan isaan mudateera. Fakkeenyaaf, obboloonni hojii dhaabbataa argachuun baayʼee isaan rakkisa. Kana malees, maallaqa baankiidhaa qabanitti fayyadamuu hin dandaʼan.

Haa taʼu malee, Yiivgeeniin akkana jedheera: “Yihowaan wanta nu barbaachisu hunda nuuf kenneera. Akkuma Israaʼelota lafa onaa keessa turanii nutis homaa hin dhabne. Maatiin Yihowaa wantoota karaa qaamaa, karaa miiraa fi karaa hafuuraa nu barbaachisan akkamitti akka nuuf guute arguu dandeenyeerra.”

Obboloonni kun, kadhannaa, qoʼannaa dhuunfaa fi Kitaaba Qulqulluu dubbisuun isaanii amanamoo fi ija jabeeyyii taʼanii itti fufuuf akka isaan gargaare dubbataniiru. Fakkeenyaaf, Vilaadimiir Vasiiliyoov akkana jedheera: “Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman wantoonni hundi toʼannaa Yihowaa jala akka jiran hubachuuf nu gargaaraniiru. Kanaan kan kaʼes, amantii fi amanannaan Yihowaa irratti qabnu cimuu dandaʼeera.”

Himanni obboloota keenya irratti dhihaate isaanii fi maatii isaaniitti jireenyi akka ulfaatu kan godhe taʼus, Yihowaatti amanamuu isaanii akka itti fufan ni amanna. Isaan “namni” guutummaatti isaan miidhuu akka hin dandeenye beekuudhaan, jabaatanii dhaabbachuu isaanii itti fufu.—Faarfannaa 56:4.