Dhimma ijoo ta'etti seeni

Toora jalqabaa (bitaa gara mirgaatti): Obboleessa keenya Booris Buriiloovii fi Aleeksaandar Inoozemsov

Toora lammaffaa (bitaa gara mirgaatti): Obboleessa keenya Viktoor Kachoov, Igoor Turiikii fi Yuurii Vaag

EBLA 21, 2021
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME | Obboloonni Shan Raashiyaa Magaalaa Peermi Keessatti Manni Isaanii Kan Sakattaʼamee fi Kan Qabaman Taʼus Ija Jabeeyyii fi Gammadoo Taʼanii Itti Fufaniiru

ODUU HAAREFFAME | Obboloonni Shan Raashiyaa Magaalaa Peermi Keessatti Manni Isaanii Kan Sakattaʼamee fi Kan Qabaman Taʼus Ija Jabeeyyii fi Gammadoo Taʼanii Itti Fufaniiru

Caamsaa 12, 2022, Manni Murtii Ol Iyyannoo Sadarkaa Torbaffaa ol iyyannoo obboleessi keenya Booris Buriiloov, Aleeksaandar Inoozemsov, Viktoor Kachoov, Igoor Turiikii fi Yuurii Vaag yeroo lammaffaaf dhiheessan fudhachuu dide. Yeroo kanatti mana hidhaa galuun isaan hin barbaachisu.

Hagayya 23, 2021, Manni Murtii Naannoo Peermi ol iyyannoo Booris, Aleeksaandar, Viktoor, Igoorii fi Yuuriin dhiheessan fudhachuu dide. Murtoon jalqaba itti murtaaʼe hojii irra oola.

Caamsaa 12, 2021, Manni Murtii koonyaa Indaastiryaal inni Magaalaa Peermi murtii dhimma Booris, Aleeksaandar, Viktoor, Igoorii fi Yuurii irratti dabarse beeksiseera. Igoor waggaa torbaaf daangaawwan tokko tokko keessa akka turu itti murteeffameera. Obboloota arfan irratti immoo waggaa lamaa fi walakkaatu murteeffame.

Ibsa gabaabaa

Booris Buriiloov

  • Bara Dhalootaa: 1941 (Sevaastoopol)

  • Seenaa Jireenyaa: Naannoo Peermitti guddate. Barnoota oomisha qonnaatiin digirii qaba. Yeroo ijoollee turetti haati isaa Kitaaba Qulqulluu isaaf dubbisti turte. Bara 1990 booda Kitaaba Qulqulluu guutuu isaa argate. Bara 1996​tti cuuphamuudhaan Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe

Aleeksaandar Inaazeemzev

  • Bara Dhalootaa: 1972 (Kostaanaay)

  • Seenaa Jireenyaa: Loltuu taʼee tajaajileera. Hojii elektirikii fi hojii makaanikii hojjeta; yeroo ammaatti immoo hojii gamoo suphuu fi appaartimentii haaressuu hojjechaa jira. Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi qoʼachuu erga jalqabee booda namoota irra jalʼinni haqaa maaliif akka gaʼuu fi namoonni maaliif akka duʼan ilaalchisee deebii quubsaa argateera. Achiis bara 1996​tti cuuphame. Bara 2017​tti immoo Aleesiyaa fuudhe. Yeroo ammaatti intala isaanii waliin guddisaa jiru. Fakkii kaasuu, taphaa hookii (tapha qillee) taphachuu fi qurxummii qabuu jaallata

Viktoor Kuuchoov

  • Bara Dhalootaa: 1967 (Isveetlisaa)

  • Seenaa Jireenyaa: Ijoollummaa isaatii eegalee hojii mukaa hojjechuu ni jaallata. Injinara sibilaa taʼuudhaan leenjiʼeera, akkasumas injinara dizaayinii taʼuudhaan ni hojjeta. Qurxummii kiyyeessuu fi kubbaa harkaa taphachuu jaallata. Bara 1988 Taanyaa wajjin gaaʼela godhatan. Intala tokko qabu. Dhimmoota hafuuraa irratti mariʼachuun isa gammachiisa. Bara 1993​tti cuuphamuudhaan Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe

Igoor Tarkii

  • Bara Dhalootaa: 1968 (Niliidovaa)

  • Seenaa Jireenyaa: Nama suuraa kaasuu fi diizaayinarii ijaarsaa ti. Gara naannoo 1990​tti Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabe. Yaanni Kitaaba Qulqulluu keessa jiru hundi kan wal hin faallessine taʼuun isaa baayʼee isa dinqisiisa. Bara 1998​tti cuuphame. Bara 2002​tti gaaʼela godhatee ilma tokkoo fi intala tokko qaba. Suuraa kaasuu, viidiyoo hojjechuu fi hojii raadiyoo wajjin wal qabate hojjechuu jaallata

Yuurii Vaag

  • Bara Dhalootaa: 1975 (Lesasiibisk)

  • Seenaa Jireenyaa: Konkolaataa ijaarsaa konkolaachisuu leenjiʼe. Yeroo ammatti hojii elektirikii fi gamoowwan suphuu hojjeta. Loltuu taʼee utuu jiruu obboleettiin isaa waaʼee Kitaaba Qulqulluu isatti himte. Jijjiiramni gaariin barumsawwan Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuudhaan argisiiste Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf isa kakaaseera. Bara 1996​tti cuuphame. Isveetlaanaa wajjin gaaʼela kan godhatanis baruma kanatti dha. Yeroo ammaatti ilma tokkoo fi intala tokko qabu

Himata

Fulbaana 17, 2018​tti Tajaajilli Nageenyaa Fedaraalaa fi loltoonni addaa kan biroon manneen Naannoo Peermi keessan jiran sakattaʼan. Yoo xiqqaate manneen obboloota keenyaa kudhan sakattaʼamaniiru. Yeroo manneen sakattaʼaa turanittis maallaqa, moobaayilii fi meeshaalee elektirooniksii kan biroo fudhataniiru. Viktoorii fi Igoor guyyoota hedduudhaaf bakka turmaataa keessa erga turanii booda gara jiʼa afuriitiif mana isaanii keessatti hidhamaniiru. Yeroo ammaatti hundi isaanii iyyuu wabiidhaan baʼaniiru. Maqaan isaanii tarree Raashiyaan namoota mankaraarsitoota jechuudhaan waamtu keessatti galmaaʼeera.

Haalli rakkisaan isaan mudatus obboloonni kun ija jabeeyyii taʼuu fi gammadoo taʼuu isaanii itti fufaniiru.

Yuuriin isa kanaan duraa caalaa irra deddeebiʼee Yihowaa kadhachaa akka jiru dubbateera. Yeroo hundumaas karaa itti Yihowaan isa gargaaraa fi isa cimsaa itti jiru irratti xiinxalaa jira. Akkana jedheera: “Yaanni Iyyaasuu 1:7 irra jiru tasgabbaaʼuuf na gargaareera. Yaada sana keessaa wantootan hojii irra oolchuu qabu argadheera. Yihowaan na gargaaraa fi na kunuunsaa akka jiru hubachuu dandaʼeera.”

Viktoor, yeroo qorumsi isa irra gaʼaa jiru kanatti waaʼee jaarmiyaa Yihowaa irratti xiinxaluun isaa tasgabbaaʼuuf akka isa gargaare dubbateera. Akkana jedheera: “Yihowaan hammam guddaa akka taʼe, waaʼee jaarmiyaa isaa isa mulʼatuu fi hin mulʼannee, waaʼee obboloota keenyaa, akkasumas waaʼee dhugaa baayʼee gaarii fi amansiisaa taʼe irratti yaaduufan yaalaa ture. Akkas gochuun koo immoo of irratti xiyyeeffachuu dhiisuuf na gargaareera. Achiis utuma baayʼee hin turin tasgabbiitu natti dhagaʼame.”

Igoon erga manatti deebiʼee booda wantoota isa mudatan keessaa wanta isa kolfisiise tokko dubbatee ture. Akkana jedhe: “Yeroon bakka turmaataa keessa turetti, intalli koo na jajjabeessuuf fakkii addunyaa haaraa naa kaastee turte. Namni mana hidhaa sana keessaa hojjetu garuu fakkiin ishii akka naaf hin kennamne godhe. Haati manaa koo immoo fakkicha ilaaliitii yoo taʼuu baate ni deebistaaf jetteen; innis ilaalee intala keenyaaf deebise. Achiis akkana jedhe: ‘Kana isaaf kennuu hin dandeenyu. Karoora ittiin mana hidhaa keessa baʼan fakkaata’ jedheeni.” Igoonis, “Dhugaa isaati addunyaan haaraa karoora addunyaa hamaa kana keessaa itti baanu dha” jechuudhaan dubbateera.

Yihowaan hafuura isaatti fayyadamee obboloota kanaa fi maatii isaanii gargaaruu isaa akka itti fufu ni amanna. Yihowaan yeroo hundumaa jabina isaan barbaachisu akka isaaniif kennu mirkanaaʼoo dha.—Efesoon 3:20.