Muddee 16, 2021
RAASHIYAA
ODUU HAAREFFAME | Obboloonni Shanii fi Obboleettiin Takka Dubbisni Kitaaba Qulqulluu Dhuunfaa Ariʼatama Akka Dandamatan Isaan Gargaareera
Hagayya 25, 2022tti, Manni Murtii Koonyaa Leeniinsikii magaalaa Saaransikii obboloota keenya Deenis Antoonoov, Vilaadimiir Atriyaakin, Aleeksaandar Koroolev, Geʼoorgii Nikuliin, obboleettii keenya Yooleenaa Nikuliinii fi obboleessa keenya Aleeksaandar Shevchuuk irratti murtii dabarse. Deenis, Aleeksaandar Koroolevii fi Aleeksaandar Shevchuukitti hidhaa waggaa lamaatu murtaaʼe. Geʼoorgii fi Yooleenaatti hidhaa waggaa afurii fi jiʼa lamaa, Vilaadimiiritti immoo hidhaa waggaa 6tu murtaaʼe. Murtoowwan kun hatattamaan hojiirra oolu.
Chaartii Yeroo
Waxabajjii 11, 2021
Mana Murtii Koonyaa Leeniinsikii magaalaa Saaransikiitti himanni jalqabaa ni dhihaate
Ebla 2, 2021
Yooleenaa sochii finxaaleyyii irratti hirmaatteetti, namoonni kaanis akka irratti hirmaatan gooteetti jedhamtee himatamte
Bitootessa 31, 2021
Vilaadimiir sochii finxaaleyyii qindeesseera jedhamee himatame
Adoolessa 2, 2019
Aleeksaandar Shevchuukii fi Geʼoorgii mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiifamanii gadhiifaman, achiis naannoo isaaniitii akka hin baane ajajaman
Bitootessa 28, 2019
Vilaadimiir mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiifamanii gadhiifame, achiis naannoo isaatii akka hin baane ajajame
Guraandhala 8, 2019
Aleeksaandar Shevchuuk, Vilaadimiirii fi Geʼoorgii mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiifamanitti ergaman
Guraandhala 4, 2019
Tajaajilli Nageenyaa Federaalaa (FSB) sochii finxaaleyyii qindeessaniiru jedhee obbolootaa shanii fi Yooleenaa irratti himata bane
Ibsa Gabaabaa
Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenya Raashiyaa keessatti rakkinni isaan irra gaʼaa jiruu fi isatti amanaman jaalala amanamaa isaanitti argisiisuu isaa akka itti fufu amantii guutuu qabna.—Uumama 32:10.