Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaa gara mirgaatti: Obboleessa keenya Ilaaham Keerimoov, Konistaantiin Matraashoov, Vilaadimiir Mootrooshoovii fi Oydoor Yuulmeetyeev

CAAMSAA 19, 2021
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME | Obboloonni Tataristaan Jiraatan Deggersa Yihowaan Yeroo Himatamanitti Isaaniif Godhe Dinqisiifataniiru

ODUU HAAREFFAME | Obboloonni Tataristaan Jiraatan Deggersa Yihowaan Yeroo Himatamanitti Isaaniif Godhe Dinqisiifataniiru

Fulbaana 2, 2022tti Manni Murtii Olaanaa Riippabliika Taataaristan ol iyyannoo obboloonni keenya Ilaaham Keerimoov, Konistaantiin Matraashoov, Vilaadimiir Mootrooshoovii fi Oydoor Yuulmeetyeev dhiheeffatan fudhatama dhabsiise. Yeroo kanatti mana hidhaa akka seenan isaan irraa hin eegamu.

Muddee 16, 2021tti Manni Murtii magaalaa Nabirezhiyaa Chiilnii inni Riippabliika Tataristaanitti argamu obboloota keenya Ilaaham, Konistaantiin, Vilaadimiirii fi Oydoor yakkamtoota akka taʼan murteesse. Ilaahamii fi Konistaantiin jiʼoota 30 gidduutti yakka yoo raawwatan akka hidhaman isaanitti murtaaʼe. Vilaadimiir jiʼoota 37 gidduutti yakka yoo raawwate Oydoor immoo jiʼoota 33 gidduutti yakka yoo raawwate akka hidhaman isaanitti murtaaʼe.

Ibsa Gabaabaa

Ilaaham Keerimoov

  • Bara Dhalootaa: 1981 (Joombooy, Uzbeekistaan)

  • Seenaa Jireenyaa: Hojii burcuqqoo hojjechuu barateera. Maatii isaa Uzbeekistaan keessa jiraataniif wanta barbaachisu dhiheessuuf hojii garaa garaa hojjeteera. Bara 2000tti gara Raashiyaatti godaane. Bara 2001tti, gaaf tokko gargaarsa argachuuf Waaqayyoon kadhate. Guyyaa itti aanutti Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin wal arge; Kitaaba Qulqulluu qoʼachuus jalqabe. Achiis bara 2004tti ni cuuphame. Bara 2012tti immoo, Yuuliyaa fuudhe.

Konistaantiin Matraashoov

  • Bara Dhalootaa: 1988 (Piraakoopaafiskii)

  • Seenaa Jireenyaa: Abbaan isaa ijoollummaa isaatti irraa duʼe. Hojii makaanikummaa hojjeta. Haadha isaa ishii yeroo inni waggaa saddeeti turetti Dhugaa Baatuu Yihowaa taate ni gargaara. Abdii Kitaabni Qulqulluun qabate baayʼee isa gammachiisa. Bara 2018tti cuuphame

Vilaadimiir Mootrooshoovii

  • Bara Dhalootaa: 1987 (Niizhineekoomiskaa)

  • Seenaa Jireenyaa: Mana barumsaa teeknikaa fi kollejjii injinariingii keessaa eebbifamee baʼe. Injinara taʼe meeshaalee awutoomootivii hojjechuu irratti dursa fudhatee hojjeteera. Kitaabni Qulqulluu ogummaa qabaachuun isaa, ifa kan taʼee fi kan nama amansiisu taʼuun isaa baayʼee isa dinqisiisa. Bara 2013tti cuuphame. Bara 2017 immoo Siveetlaanaa wajjin gaaʼela godhatan

Oydoor Yuulmeetyeev

  • Bara Dhalootaa: 1993 (Niizhineekoomiskaa)

  • Seenaa Jireenyaa: Muuziqaa fi awutoomootiiv makaanikii barateera. Hojii daldalaa fi awutoomakaanikii hojjeteera. Qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu maatii isaa akka gargaare waan hubateef Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabe. Achiis bara 2012tti cuuphame. Bara 2013tti immoo Olbiinaa wajjin gaaʼela godhatan. Qalbiin isaa inni Kitaaba Qulqulluudhaan leenjiʼe waan isaaf hin heyyamneef tajaajila loltummaa irratti hirmaachuu dide. Bakka isaa hojii hawaasummaa kan biraa hojjete

Himata

Caamsaa 27, 2018tti poolisoonni dhimma nageenyaa Tataristaanitti manneen Dhugaa Baatota Yihowaa kudhan sakattaʼan; obboloota keenya Ilaaham, Konistaantiin, Vilaadimiir fi Oydoor immoo qabanii bakka turmaataa keessa isaan galchan. Hanga mana isaanii keessatti akka hidhaman isaanitti murtaaʼutti hundi isaanii bakka turmaataa sana keessa guyyoota 160 oliif turaniiru.

Yeroo ammaatti mana isaanii keessatti hidhamaa kan hin jirre taʼus, tarree finxaaleyyii mootummaan fedaraalaa Raashiyaa galmeessu keessatti galmaaʼaniiru. Kanaan kan kaʼes, maallaqa baankiitii qaban baafachuu hin dandaʼan, akkasumas hojii argachuun ulfaataa dha.

Oydoor wanta bakka turmaataa sana keessa yeroo turetti isa mudate akkana jechuudhaan dubbateera: “Caqasoota hedduu yaadachuu dandaʼeera. . . . Utuu Yihowaan akkan yaadadhu na gargaaruu baatee baayʼee isaanii yaadachuu hin dandaʼun ture.”

Konistaantiin yeroo jalqaba bakka turmaataa sana seenetti sodaatee ture. Garuu yeruma sana carraa abbootii seeraa, waardiyyoota, namoota isaa wajjin hidhamanii fi poolisootaaf itti lallabu argachuuf carraaqqii godhe. Akkana jedheera: “Yeroo kaan caalaa yeroon bakka turmaataa keessa turetti caalaatti lallabuu dandaʼeera. Haalli isaa wanta Phaawulos Filiphisiyus 1:12, 13 irratti barreessee wajjin walfakkaata: ‘Yaa obbolootaa, haalli ani keessa jiru caalaatti misiraachicha babalʼisuuf gumaacha gochuu isaa akka beektan nan barbaada; Kiristoosiif jedhee hidhamuun koo waardiyyoota mootii Roomaa hundaa fi warra kaan hunda biratti akka gaariitti beekameera.’”

Vilaadimiir obbolootaa fi obboleettota gargaarsa qabatamaa godhan baayʼee galateeffata. Akkana jedheera: “Haati manaa koo nyaata bittee naa fiduu kan dandeesse obboloonnii fi obboleettonni yeroo baayʼee maallaqa waan ishiif kennaniif akka taʼe natti himteetti. Wanti jiʼa tokko keessatti bakka turmaataa sana keessa galchinu kan daangeffame dha; anis hamma heyyamamu hunda nan argadha.”

Ilaaham hariiroon Yihowaa wajjin qabu caalaatti akka cime dubbateera. Akkana jedheera: “Sababa himata kanaan kan kaʼe Abbaa koo isa samiitti dhihaachuu dandaʼeera. Amantii fi amanannaan isa irratti qabu isa kanaan duraa caalaa cimeera. Kadhannaan Yihowaatti dhiheessu dheeraa, garaadhaa kan maddee fi hiika kan qabu taʼeera.”

Obboloonni kunii fi maatiin isaanii yeroo himataa kanatti, “guutummaatti Waaqayyoof buluu fi [dhimmanii] hojjechuudhaan” akka eebbifaman hin shakkisiisu.—1 Ximotewos 2:2.