Dhimma ijoo ta'etti seeni

Gubbaadhaa gara bitaatti: Obboleessa Piyootir Felezinoov. Gajjallaadhaa gara bitaatti: Obboleessa Andireey Viyusheen. Mirgaa: Obboleessa Aleeksaandar Kuuznetisoov fi haadha manaa isaa Maariyaa

GURAANDHALA 13, 2023 | ODUU HAAREFFAME: SADAASA 6, 2023
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME—Ol IYYANNOO | Yaaroosilaavel Keessatti Ariʼatamni Maatiiwwan Sadii Irratti Dhiibbaa Geessise

ODUU HAAREFFAME—Ol IYYANNOO | Yaaroosilaavel Keessatti Ariʼatamni Maatiiwwan Sadii Irratti Dhiibbaa Geessise

Onkoloolessa 30, 2023 Manni Murtii Naannoo Zerzyiiniskii Yaaroosilaavel ol iyyannoo obboleessi Piyootir Felezinoovii fi obboleessi Andireey Viyusheen dhiheessan hamma tokko fudhateera. Hidhaan daangaa waggaa jaʼaa fi jiʼa jaʼaaf isaanitti murtaaʼe waggaa lamaa fi jiʼa jaʼatti hirʼateera. Murtiin obboleessa Aleeksaandar Kuuznetisoovaa fi haadha manaa isaa Maariyaa akkuma jirutti itti fufa.

Hagayya 3, 2023, Manni Murtii Naannoo Zerzyiiniskii Yaaroosilaavel Obboleessa Piyootir Felezinoov; Obboleessa Aleeksaandar Kuuznetisoovaa fi haadha manaa isaa Obboleettii Maariyaa Kuuznetisoov akkasumas Obboleessa Andireey Viyusheen yakkamtoota jedhee murteesse. Tokkon tokkoon isaanitti hidhaan daangaa murtaaʼeera. Andireeyii fi Piyootiritti hidhaan daangaa waggaa jaʼaa fi jiʼa jaʼaa murtaaʼeera. Aleeksaandarii fi Maariyaattimmoo hidhaan daangaa waggaa jaʼaa fi jiʼa jaʼaa murtaaʼeera. Haa taʼu malee yeroo kanatti mana hidhaa hin galan.

Ibsa Gabaabaa

Akkuma tajaajiltoota Yihowaa amanamoo taʼan arfan kanaa nutis ‘warra Yihowaatti amanamanii fi hin raafamne’ keessaa tokko akka taanu ni amanna.—Faarfannaa 125:1.

Chaartii Yeroo

  1. Bitootessa 13, 2021

    Abbootiin taayitaa mana isaanii erga sakattaaʼanii booda buufata poolisiitti hidhame

  2. Bitootessa 15, 2021

    Mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisan gale

  3. Adoolessa 14, 2021

    Mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisanii hiikamee naannoodhaa akka hin deemne daangeffame

  4. Fulbaana 9, 2022

    Himanni yakkaa ilaalamuu jalqabe