Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Roomaan Baranooviskii fi haadha isaa, Obboleettii Vaalentiinaa Baranooviskaayaa

AMAJJII 29, 2021
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME | Raashiyaatti Obboleessi Roomaan Baranooviskii fi Haati Isaa Vaalentiinaa Baranooviskaayaan Yakkamtoota Akka Taʼan Himataman

ODUU HAAREFFAME | Raashiyaatti Obboleessi Roomaan Baranooviskii fi Haati Isaa Vaalentiinaa Baranooviskaayaan Yakkamtoota Akka Taʼan Himataman

Caamsaa 4, 2022, manni murtii ol iyyannoo Haakasiyaatti argamu Obboleettii Vaalentiinaa Baranooviskaayaa ishii umuriin ishii waggaa 71 taʼe mana hidhaatii akka gadi dhiifamtu murteesse. Manni murtiin iyyata abbaa alangaan akka ishiin gadi hin dhiifamne gochuuf yaalaa ture galche hin fudhanne. Vaalentiinaan waggaa tokkoo oliif hidhamteetti. Ilmi ishii Roomaan amantii isaatiin kan kaʼe akkuma hidhamee jirutti itti fufa.

Bitootessa 4, 2022, waajjirri abbaa alangaa murtii Manni Murtii Koonyaa Ust-Abaakaan Vaalentiinaan hidhaa ishii utuu hin xumurin akka gadhiifamtu murteesse irratti ol iyyannoo gaafate. Abbaan alangaa Vaalentiinaan “yakka hojjetteef yaada waan hin geeddaranneef” murtiin itti murtaaʼe utuu hin xumurin gadhiifamuu akka hin qabne falmeera. Vaalentiinaan yoo xinnaate amma ol iyyannoon abbaa alangaa dhagaʼamutti akkuma hidhamtetti itti fufti.

Caamsaa 24, 2021, Raashiyaatti Manni Murtii Ol Aanaa Riippabliika Haakasiyaa ol iyyannoo obboleessi keenya Roomaan Baranooviskii fi haadha isaa Vaalentiinaa ishii umuriin ishii waggaa 70 taʼe fudhachuu dide. Akkuma hidhamanii jiranitti itti fufu. Kana malees manni murtichi gara fuulduraatti erga mana hidhaatii gadhiifamanii booda daangaa dabalataa jala akka turan beeksiseera.

Guraandhala 24, 2021​tti, Manni Murtii Riippabliika Haakasiyaa Magaalaa Abaakaanitti argamu Roomaan waggaa jaʼaaf akka hidhamu itti murteesse. Haadha Roomaan Vaalentiinaatti immoo hidhaa waggaa lamaa itti murteesse. Obboleettiin kun Obboleettota keenya Raashiyaa jiran keessaa kan murtiin hidhaa yeroo jalqabaatiif itti murtaaʼe dha. Vaalentiinaan Ebla 2021 umuriin ishii waggaa 70 taʼa. Adoolessa 2020 dhiigni sammuu ishii keessatti dhangalaʼe ture. Erga isaanitti murtaaʼe booda lamaan isaanii iyyuu gara mana hidhaatti geeffaman.

Ibsa Gabaabaa

Roomaan Baranooviskii

  • Bara Dhalootaa: 1974 (Baalaakoovoo, Naannoo Saaraatov)

  • Seenaa Jireenyaa: Wanta isaa fi haadha isaatiif barbaachisu guuttachuuf hojii mana haaromsuu hojjeta. Gitaara, cheezii fi kubbaa miillaa taphachuu jaalata

    Yommuu ijoollee turetti waaʼeen kaayyoo jireenyaa isa yaaddessa ture. “Yeroo tokko tokko Waaqayyo daandii isa sirrii akka natti argisiisu nan kadhadhan ture” jedheera. Bara 1993​tti Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabe. Bara 1997​tti immoo ni cuuphame

Vaalentiinaa Baranooviskaayaa

  • Bara Dhalootaa: 1951 (Vaanoovkaa, Kaazaakistaan)

  • Seenaa Jireenyaa: Hanga bara 2006​tti soorama baatutti, hojii herregaa hojjechaa fi dhimmoota maallaqaa irratti gorsituu taatee hojjeteetti. Nyaata bilcheessuu, akkasumas faarfannaa fi walaloo barreessuu jaalatti

    Bara 1995​tti, ilma ishii wajjin taatee Dhugaa Baatota Yihowaa waliin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabde. Keessumaa Waaqayyo akka hin sobne beekuun ishii ishii gammachiisee ture. Bara 1996​tti cuuphamte

Himata

Halkan Ebla 10, 2019​tti, poolisoonni meeshaa waraanaa hidhatan mana obboleessa Roomaan Baranooviskii fi haadha isaa Vaalentiinaa dabalatee manneen magaalaa Abaakaan jiran afur weeraran. Achiis Kitaabota Qulqulluu, meeshaalee elektirooniksii fi dookmantoota isaanii fudhatan. Roomaanii fi Vaalentiinaa irratti himanni yakkaa ni baname.

Roomaan akkas jedheera: “Yeroo isaan weerara kana geggeessanitti walgaʼii torban gidduu irratti 1 Qorontos 10:13 irratti mariʼachaa turre. Caqasni kun wanta barbaachisaa tokko nu barsiiseera. Yihowaan qorumsa nu irra gaʼu nuuf hin filatu. Inni, ‘Ati jabaadha, kanaafuu qorumsa kana dandamachuu ni dandeessa. Ati immoo laafaa waan taateef qorumsa isa salphaa kana dandamachuu dandeessa’ jedhee hin yaadu. Utuu akkas taʼee qorumsa dandamachuun jabina keenya irratti kan hundaaʼe taʼa ture. Qorumsi garaa garaa hunda keenya irra iyyuu gaʼuu dandaʼa. Taʼus, jabina Yihowaan nuu kennutti yoo amanamne rakkina kam iyyuu dandamachuu dandeenya.”

Adoolessa 2020, Vaalentiinaan sammuu ishii keessatti dhiigni ni dhangalaʼe. Akkas jetteetti: “Fayyaan koo caalaatti gad buʼaa yommuu adeemetti, Yihowaan na gargaaraa akka jiru caalaatti ifa naaf taʼaa deeme. Kun kan taʼe matumaa kadhachuu koo waanan addaan hin kunneefi. Akkuma Yihowaan na hammatee na jajjabeessaa jirutti natti dhagaʼama. Nagaa fi tasgabbii guddaa qaba, kana immoo guutummaatti ibsuu hin dandaʼu.”

Haalli kun hundi Vaalentiinaan Yihowaadhaaf amanamtuu taatee itti fufuuf akka murteessitu ishii taasiseera. Akkas jetteetti: “Wanti akkamii iyyuu yoo na mudate Abbaa keenya bara baraaf tajaajiluu fi isaaf amanamaa taʼee jiraachuuf kutadheera.”

Roomaan, jabaatanii dhaabbachuu irratti fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii fi bara keenya jiran irratti xiinxaluun isaa amantii isaa cimsachuuf akka isa gargaare dubbateera. Roomaan waaʼee fakkeenyota kanaa yommuu yaadu, yeroo baayʼee akkas jedhee of gaafata: ‘Namoonni kun haala akkamii dandamachuun isaan barbaachiseera? Maaliifi? Wanti amanamoo taʼanii itti fufuuf isaan gargaare maalidha? Yihowaan hafuura isaatiin kan isaan gargaare akkamitti?’ Deebiin gaaffiiwwan kanaa, Roomaan qorumsi akkamii iyyuu yoo isa irra gaʼe, “Yihowaan barbaachisaa taanaan, jabina humna namaa caalu akka isaaf kennu” isaaf mirkaneesseera.

Roomaan, Vaalentiinaa fi obboloonni keenya Raashiyaa jiran hundi, Yihowaa iddoo kooluu itti galanii fi jabina isaanii godhachuu akka itti fufan ni kadhanna.—Faarfannaa 46:1.