Dhimma ijoo ta'etti seeni

Toora gubbaa (bitaadhaa gara mirgaatti): Obboleessa Viyaacheeslaav Ivaanoovii fi Aleeksaandar Koozlitin

Toora gadii (bitaadhaa gara mirgaatti): Obboleessa Sergee Kulaakuuv, obboleettii Taatyaanaa Kulaakuuvaa fi obboleessa Yeevgeenii Yalin

SADAASA 2, 2021
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME | Saakhaliinitti Obboloonni Shan Yakkaan kan Himataman Taʼus, Deggarsa Yihowaatti Amanamaa Jiru

ODUU HAAREFFAME | Saakhaliinitti Obboloonni Shan Yakkaan kan Himataman Taʼus, Deggarsa Yihowaatti Amanamaa Jiru

Caamsaa 11, 2022, Manni Murtii Naannoo Saakhaliin ol iyyannoo obboleessi keenya Viyaacheeslaav Ivaanoov, Aleeksaandar Koozlitin, Sergee Kulaakuuv, akkasumas Obboleettii Taatyaanaa Kulaakuuvaa fi Obboleessi Yeevgeenii Yalin dhiheessan fudhachuu dide. Yeroo kanatti mana hidhaa galuun isaan hin barbaachisu.

Amajjii 31, 2022, Manni Murtii Magaalaa Neveliskii inni Naannoo Saakhaliinitti argamu Viyaacheeslaav, Aleeksaandar, Sergee, akkasumas Taatyaanaa fi Yeevgeeniin yakkamtoota akka taʼan murteesse. Sergee fi Yeevgeeniin waggaa jaʼaa fi jiʼa jaʼaaf dhorkaa tokko tokko jala akka turan itti murtaaʼe. Obboleessi Viyaacheeslaavii fi Aleeksaandar akkasumas Obboleettii Taatyaanaan immoo waggaa lamaaf dhorkaa tokko tokko jala akka turan itti murtaaʼe.

Chaartii Yeroo

  1. Adoolessa 2020

    Viyaacheeslaav, Aleeksaandar, Sergee fi Taatyaanaan imala akka hin goone daangeffamaniiru

  2. Ebla 2, 2020

    Yeevgeeniin imala akka hin goone ni dhorkame

  3. Amajjii 20, 2019

    Poolisoonni Tajaajila Nageenyaa Federaalaa fi Poolisoonni Raashiyaa dhoksaadhaan hojjetan manneen namoota Dhugaa Baatota Yihowaa akka taʼan shakkaman 11 weeraran. Poolisoonni sun ni dheekkamu turan; ijoollee xixinnoollee ni qoru turan. Kun kan taʼe Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutin ariʼatama Dhugaa Baatota Yihowaa irra gaʼu akka qoratan waadaa erga galanii yeroo muraasa booda dha

Ibsa Gabaabaa

Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenya kana kunuunsuu isaa akka itti fufu beekna; isaan yaada, “Waaqayyo fayyisaa koo ti. Ani amanannaa qaba, homaas hin sodaadhu” jedhu irratti walii galu.—Isaayyaas 12:2.