Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Andiree Kolesnichenkoo

SADAASA 24, 2021
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME | Wantoota Yihowaan Uume Ilaaluun Isaa Obboleessa Keenya Andiree Kolesnichenkoo Jabeesseera

ODUU HAAREFFAME | Wantoota Yihowaan Uume Ilaaluun Isaa Obboleessa Keenya Andiree Kolesnichenkoo Jabeesseera

Waxabajjii 30, 2022 Manni Murtii inni Naannoo Tompiskiitti argamu hidhaa waggaa afurii obboleessa keenya Andiree Kolesnichenkootti murtaaʼee ture ni jijjjiire. Kanaa mannaa, waggaa afuriif daangaa jala akka turu kan itti murteeffame yommuu taʼu, yeruma sana mana hidhaatii gadhiifameera.

Amajjii 19, 2022, the Manni Murtii Magaalaa Siiviriskii inni Naannoo Tompiskiitti argamu Andireen yakkamaa akka taʼe kan murteesse yoo taʼu, hidhaa waggaa afurii itti murteesseera.

Chaartii Yeroo

  1. Adoolessa 7, 2021

    Himanni yakkaa isa irratti baname

  2. Caamsaa 21, 2021

    Walgaʼiiwwan Dhugaa Baatota Yihowaa irratti waan argameef yakkaan himatame

  3. Bitootessa 25, 2021

    Abbootiin taayitaa obboleessa keenya Andiree irratti qorannaa himata yakkaa geggeessuu jalqaban

  4. Adoolessa 14, 2020

    Tajaajilli Nageenyaa Federaalaa mana obboleessa keenya Kolesnichenkoos dabalatee manneen Dhugaa Baatota Yihowaa magaalaa Siiviriskii keessa jiraatan shan sakattaʼan

Ibsa Gabaabaa

Fakkeenya obbolootaa fi obboleettota keenya Raashiyaa Yihowaatti amanamuu isaanii itti fufan irratti xiinxaluun “dubbii Waaqayyoo sodaa malee dubbachuuf” ofitti amanannaa akka qabaannu nu taasisa.—Filiphisiyus 1:13, 14.