Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Yiivgeenii Korotun

SADAASA 25, 2021
RAASHIYAA

ODUU HAAREFFAME | Yihowaan Obboleessa Yiivgeenii Korotun Jajjabeessaa Jira

ODUU HAAREFFAME | Yihowaan Obboleessa Yiivgeenii Korotun Jajjabeessaa Jira

Caamsaa 16, 2022, Manni Murtii Naannoo Toomiskii ol iyyannoo Obboleessi Yiivgeenii Korotun dhiheesse fudhachuu dide. Akkuma hidhamee jirutti itti fufa.

Amajjii 20, 2022, Manni Murtii Magaalaa Seversikii inni Naannoo Toomiskiitti argamu Yiivgeeniin Yakkamaa akka taʼe kan murteesse yoo taʼu, hidhaa waggaa torbaa itti murteesse. Murtiin itti murtaaʼe kunis yeruma sanaa kaasee hojii irra ooluu jalqaba.

Chaartii Yeroo

  1. Bitootessa 31, 2021

    Himanni isa irratti dhihaate ilaalamuu eegale

  2. Fulbaana 7, 2020

    Mana murtiitti ergan dhihaate booda toʼannaa jala galfamee gara buufata poolisiitti ergame

  3. Adoolessa 15, 2020

    Mana isaatti akka hidhamu taasifame

  4. Adoolessa 14, 2020

    Poolisoonni Tajaajila Nageenyaa Federaalaa mana Korotun dabalatee manneen maatii Dhugaa Baatota Yihowaa Seversikiitti argaman afur sakattaʼan

  5. Adoolessa 13, 2020

    Yiivgeenii irratti himanni yakkaa ni baname

  6. 2018-2019

    Poolisoonni dhoksaadhaan hojjetan lama Kitaaba Qulqulluuf fedhii kan qaban fakkaachuudhaan maree Yiivgeenii wajjin godhan waraaban, achiis Yiivgeeniin yakka akka raawwate argisiisuuf itti fayyadaman.

Ibsa Gabaabaa

Yihowaan maatii Korotun dabalatee waraa yeroo rakkisaa keessatti amanamummaadhaan isa tajaajilanii wajjin akka jiru amanannaa qabna.—Roomaa 15:5.

a Obboleessi Korotun yeroo ammaatti buufata poolisiitti hidhamee waan jiruuf isa haasofsiisuu hin dandeenye.