Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Albart Baatchaayev

CAAMSAA 24, 2021
RAASHIYAA

Obboleessi Albart Baatchaayev Mana Hidhaa Hanga Murtiitti Itti Tursiisanii fi Mana Isaatti kan Hidhame Taʼus Amanamummaa Isaa Eegeera

Obboleessi Albart Baatchaayev Mana Hidhaa Hanga Murtiitti Itti Tursiisanii fi Mana Isaatti kan Hidhame Taʼus Amanamummaa Isaa Eegeera

Guyyaa Murtiin itti Kennamu

Manni murtii magaalaa Sirkaasiiyan inni kan Ripablika Kaaraachaayev Sirkaasiiyanii dhiheenyatti dhimmaa obboleessa Albart Baatchaaev irratti murtii kenna. a

Ibsa Gabaabaa

Albart Baatchaayev

  • Bara Dhalootaa: 1976 (Kaaraachaayevisk)

  • Seenaa jireenyaa: Obboleettota sadii fi obboleessa tokko qaba. Haadha isaa duʼaan kan dhabe yommuu taʼu abbaa isaa warra maanguddoo taʼan immoo ni kunuunsa. Mana barumsaa waraanaatti abukaatoo barateera akkasumas qorannoo yakkaa irratti hogganaa taʼe hojjeteera.

    Kitaaba Qulqulluu erga qoʼatee boodas wanta inni dubbatu dhugaa taʼu isaa mirkaneeffateera. Achiis bara 2004 cuuphamee Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe. Haadha manaa isaa Zihaanaa bara 2007 fuudhe. Yeroo ammaa hojii balbala dhaabuu hojjeta. Haalli fayyaa isaa gaarii waan hin taaneef wantoota sochii qaamaa gaafatan hedduu irratti hin hirmaatu. Inni fi haati manaa isaa Zihaanaan gaarawwan naannoo isaanii jiruu keessa Konkolaataa oofuu fi miillaan deemuu jaallatu akkasumas sochiiwwan manaa alatti raawwataman irratti hirmaachuu jaallatu.

Himata

Muddee 16, 2019, Poolisoonni Fedaraalaa (FSB) magaalaa Cheerkesikittii manneen Dhugaa Baatota Yihowaa gara kudha lamaa taʼu sakattaʼan. Kanaan kan kaʼes obboloonni hedduun ni hidhaman.

Guyyaa itti aanuttis obboleessa Albart Baatchaayev irraa kan hafe hundi isaanii gadi dhiifaman. Yoo xinnaate saʼaatii 72 mana hidhaa hangan murtiitti tursiisan akka turuu taasifama akkasumas warri kaan akka faarfatanii fi Yihowaatti kadhannaa akka dhiheessan godheera jedhame himatame. Albart yakkaan erga himatamee booda michoonni isaa fi namoonni isaa wajjin wal beekan abbootiin taayitaa akka isaan hordofan dubbataniiru.

Albart akkas jedheera: “Mana hidhaa hanga murtiitti tursiisan na galchanii balbala guddaa kutaan keessa jiru yommuu sansalataan cufan baayʼeen dhiphadhe. Asii yoom iyyuu akkan hin baanee fi asumatti akkan duʼu natti dhagaʼame. Wanti hadhaa manaa koo fi obboloota irraa gaʼaa jirus na yaaddesse.”

Albart mana hidhaa hanga murtiitti tursiisan keessa gara jiʼa lamaa hidhameera jechuun ni dandaʼama, sana booda hidhaan isaa gara hidhaa manaatti jijjiirame. Haataʼu malee, ammas torban tokko booda torban torbaaf mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisanitti akka hidhamu taasifameera. Albart wanta yaadatu akkas jechuudhaan dubbateera: “Mana hidhaatti keessumaa yommuun guutummaatti adda baafamee ture dinqisiifannaan barsiifata hafuuraa gaarii taʼe qabaachuu fi hojii Mootummaa Waaqayyo irratti xiyyeeffachuu ilaalchisee qabu ni dabale. Kunis akkan hin laafnee fi amantii koo fi abdii koo akkan hin dhabnee akkasumas akkan jabaadhe dhaabadhu, jaalalli Yihowaa fi namootaaf qabus akka hin laafne na gargaareera.”

Kitaaba Qulqulluu mana hidhaatti argachuun yeroo hunda kan hin dandaʼamne taʼus Albart argatee ture. Akkas jedheera: “Kitaabni Qulqulluu akkan jabaadhe dhaabbadhu na gargaareera. Akkan abdii hin kutannee fi namootan jaalladhu garmalee akkan hin yaadne na gargaareera.” Isa kanaan duraa caalaa miira namoota amanamoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii fi rakkina cimaa fi hidhaa dandamatanii ni hubatta. Akkas jedheera: “Yeroon hidhamee turetti yoom iyyuu caalaa seenaan isaanii dhugaa fi natti dhihoo akka taʼe natti dhagaʼameera. Amma michoota hedduu kan bara durii jiraatanis taʼe yeroo amma jiran qaba.

Ebla1 2020, manni murtii Albart jiʼa lamaaf manatti akka hidhamuu murteesseera. Hidhaan isaa kun garuu siʼa afur dheereeffameera. Inni yeroo dhumaaf dheereeffame Bitootessa gara dhumaatii hanga Waxabajjii gara dhumaa, 2021 tura.

Yihowaan obboleessa Baatichaayvii fi tajaajiltoota isaa amanamoo rakkinni isaan irra gaʼaa jiru jabeessuu fi kunuunsuu isaa akka itti fufu beekna.—1 Seenaa Baraa 29:12.

a Guyyaa murtiin itti kennamu yeroo hunda dursanii beekuun hin dandaʼamu.