Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Aleeksaandar Iivshin

GURAANDHALA 12, 2021
RAASHIYAA

Obboleessi Aleeksaandar Iivshin Inni Umuriin Isaa Jaatamii Sadii Taʼe Viidiyookonfiransiidhaan Walgaʼii Waan Qindeessee fi Faarfannaa Waan Faarfateef Hidhaan Waggaa Torbaa fi Walakkaa Itti Murtaaʼe

Obboleessi Aleeksaandar Iivshin Inni Umuriin Isaa Jaatamii Sadii Taʼe Viidiyookonfiransiidhaan Walgaʼii Waan Qindeessee fi Faarfannaa Waan Faarfateef Hidhaan Waggaa Torbaa fi Walakkaa Itti Murtaaʼe

Murtii

Guraandhala 10, 2021, Manni Murtii koonyaa Abiiniskii inni Naannoo Kiraasnadaaritti argamu obboleessi keenya Aleeksaandar Iivshin yakkamaa akka taʼe murteesse. Waggaa torbaa fi walakkaaf akka hidhamu kan itti murtaaʼe yoo taʼu, kun Manni Murtii Ol Aanaa dhorkaa bara 2017 dabarsee booda murtii isa dheeraa fi cimaa taʼe dha.

Ibsa Gabaabaa

Aleeksaandar Iivshin

  • Baraa Dhalootaa: 1957 (kataav-Ivaanosk)

  • Seenaa Jireenyaa: Sooroma baʼu isaa dura maashinii mukaa irratti, muka muruu fi warshaa keessatti iinjinara of eeggannoo taʼe hojjeteera. Gaalinaa wajjin bara 1974tti gaaʼela godhatan. Intaloota lamaa fi ijoollee ijoollee saddeet qabu

    Dhukkubni cimaan erga isa qabee booda waaʼee kaayyoo jireenyaa yaadu jalqabe. Wangeelota arfan keessa sadan isaanii halkan tokkotti erga dubbisee booda Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabe. Bara 1995 cuuphame

Himata

Dhugaa Baatota Abiinisk jiraatan irratti himanni dhihaachuu kan eegale jalqaba bara 2015tti ture. Dhaabbanni Amantaa Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo kanatti argamu “finxaalessaa” akka taʼetti lakkaaʼamuudhaan dhorkame. Ebla 23, 2020, waggaa shan booda Aleeksaandar Iivshin irratti himanni yakkaa ni baname. “Yakka” inni ittiin himatame keessaa tokko tokko viidiyookonfiransiidhaan tajaajila amantaa qindeessuu fi faarfannaa mootummichaa faarfachuu ture.

Abbootiin taayitaa mana Aleeksaandarii fi Gaalinaa sakattaʼan, kunis lamaan isaanii dhibbaa dhiigaa cimaa akka dhukkubsatan taasise. Manni isaanii erga sakattaʼame jiʼoota hedduu booda konkolaataan Aleeksaandar jalaa fudhatameera. Haalli rakkisaan kun kan isa mudate taʼus Aleeksaandar ilaalcha gaarii qabaatee itti fufeera. Xumura dhaddacha sanaa irratti yaada xumuraa akkas jedhu dubbateera: “Dhimma kanaan himatamuun koo na hin dinqisiisu, sababiin isaas Yesuus kun akka taʼu dubbateera. Maatewos 10:18 irratti akkas jedha: ‘Isaaniifis taʼe sabootaaf waaʼee koo dhugaa baʼuudhaaf, anaaf jettanii bulchitootaa fi mootota duratti ni dhiheeffamtu.’ . . . Wanti Yesuus dubbate akkan dhiphadhu na hin taasisu. Kanaa mannaa, akkan gammadu na taasisa, sababiin isaas abdii namoota fedhii hafuuraa isaanii guuttatan hunda eeggatu ilaalchisee mana murtii kabajamaa kana duratti dubbachuu nan dandaʼa.”

Aleeksaandar fi Gaalinaan dhugaa baʼiinsa Raashiyaa fi guutuu lafaa irratti kennamaa jiru irratti sagalee isaanii dabalaniiru. Amanannaa isaanii Yihowaa irra kaaʼachuu isaanitti eebba guddaa akka argatan amantii guddaa qabna.—Ermiyaas 17:7.