Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Anaatolii Viilitkeviichii fi haadha manaa isaa Aliyoonaa

EBLA 7, 2021
RAASHIYAA

Obboleessi Anaatolii Viilitkeviich Yeroo Murtii Eeggachaa Jirutti Amanamaa Taʼee Itti Fufeera

Obboleessi Anaatolii Viilitkeviich Yeroo Murtii Eeggachaa Jirutti Amanamaa Taʼee Itti Fufeera

ODEEFFANNOO HAARAA | Manni Murtii Raashiyaa Ol Iyyannoo Fudhachuu Dide

Muddee 16, 2021, Manni Murtii Ol Aanaa Rippuubliikii Bashkartastan ol iyyannoo Obboleessi Anaatolii Viilitkeviichiin dhiihesse fudhachuu dide. Murtiin jalqaba itti murtaaʼe akkuma jirutti itti fufa. Taʼus yeroo kanatti mana hidhaa hin galu.

Fulbaana 27, 2021, Manni Murtii Uufaa Naannoo Leniniskiitti argamu obboleessi Anaatoliin yakkamaa akka taʼe murteesse akkasumas waggaa lamaaf daangaa jala akka turu murteesse.

Ibsa Gabaabaa

Anaatolii Viilitkeviich

  • Bara Dhalootaa: 1986 (Naannoo Kaabaaroviski)

  • Seenaa Jireenyaa: Anaaxii taʼee hojjeta. Bara 2008⁠tti Aliyoonaa wajjin gaaʼela dhaabbate. Dunkaana dhaabbatanii bashannanuu fi miilaan deemuu jaallatu

    Warri isaa xinnummaa isaatti Uumaadhaaf jaalala akka qabaatu godhanii isa guddisan. Keessumaa abdiin ilmaan namootaa fi bineensonni nagaadhaan akka waliin jiraatan dubbatu baayʼee isa gammachiisa. Bara 1997⁠tti umurii isaa waggaa 11⁠tti cuuphame

Himata

Obboleessi Anaatolii Viilitkeviich Raashiyaatti galmee namoota shororkeessitoota akka taʼan shakkamaniitti kan dabalame Hagayya 8, 2018⁠tti dha. Manni Murtii Ol Aanaa Federeeshinii Raashiyaa Ebla 2017⁠tti Dhugaa Baatota Yihowaa irratti dhorkaa godheera; Anaatoliinis akkuma Obboleessa Deenis Kiristeensan, Dhugaa Baatota Yihowaa jalqabaa sana booda mana hidhaa murtii dura itti tursiifamanitti hidhaman keessaa tokko dha.

Qorattoonni mana Anaatolii fi Aliyoonaa keessa dhoksaadhaan kaameeraa kaaʼanii turan. Kanaan kan kaʼes, qorattoonni kun Anaatoliin namootaa wajjin marii Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe gochuudhaan “yakka” akka raawwate dubbatan. Yeroo ammaatti inni sochii dhaabbata finxaaleessummaa gurmeessiteetta jedhamee himatamee jira.

Poolisoonni yeroo Anaatolii fuudhanii deemanitti, isaan keessaa tokko gara jabinaan kakaʼee Aliyoonaadhaan, “Abbaa manaa kan biraa barbaaddadhu” jedhe. Anaatoliin haala yeroo qoramaa turetti taʼe yeroo dubbatu akkana jedheera: “Haalli isaa baayʼee kan nama dhiphisu ture. Himata na irratti dhihaate yoon amanuu baadhe, haadha manaa koo fi namoota mana keenyatti walgaʼicha irratti argaman irra rakkinni dabalataa akka gaʼu natti himan. Yeroo baayʼee, haati manaa koos akka hidhamtu natti himu turan. Yeroo akkasiitti, Yihowaan nagaa sammuu akka naaf kennu nan kadhadhan ture.”

Anaatoliin jiʼa lamaa oliif mana hidhaa murtii dura itti tursiifaman keessatti dabarseera; gara jiʼa sagaliitiif manaa akka hin baane godhameera; waggaa tokkoo fi walakkaadhaa oliif immoo sochiin imalaa isaa daangeffameera. Yeroo mana hidhaa turetti, waaʼee fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu ariʼatamni irra gaʼee dabtara yaadannoo irratti barreeffateera. Akkana jedheera: “Yihowaan rakkinni akka isaan irra hin geenye kan hin goone taʼus, akka isaan hin dhiisne nan yaadadhe. Kun baayʼee na jabeesseera, Yihowaan anaaf jecha tarkaanfii akka fudhatus amanannaa cimaa akkan qabaadhu godheera. Wanti inni guddaan amanamummaa koo eeggachuu dha.” Xalayaawwan haati manaa isaa isaaf barreessitus jajjabina isa barbaachisu argachuuf isa gargaaraniiru. Anaatoliin akkana jedheera: “Aliyoonaan xalayaawwan jalqaba naa barreessitee keessaa isa tokkoo wajjin suuraawwan michoota keenyaa fi namoota jaallannu wajjin kaane muraasa naaf ergitee turte. Yeroo hundumaa galgala galgala suuraawwan sana ergan ilaalee booda yeroo gammachiisaa namoota suuraa sana irra jiranii wajjin dabarse yaadachuufan yaala. Akkana gochuun koo akka waan isaan na bira jiranitti akka natti dhagaʼamu godheera.”

Amanamummaan Anaatolii and Aliyoonaan argisiisan hunda keenyaaf iyyuu jajjabina guddaa kan argamsiisu dha. Obboloonnii fi obboleettonni keenya Raashiyaa keessa jiraatan ariʼatamni cimaan isaan irra gaʼaa kan jiru taʼus, karaa hafuuraa cimoo taʼanii akka itti fufan beekuun keenya baayʼee nu gammachiisa. Kadhannaa isaaniif jecha dhiheessinu hundumaa dhagaʼaa waan jiruufis Yihowaan baayʼee galateeffanna.—2 Qorontos 1:11.

Manni murtii murtoo kan dabarsu yoom akka taʼe yeroo hunda beekuun hin dandaʼamu.