Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Andiree Andireev (gidduu) (bitaatii gara mirgaatti) intala isaa, Albiinaa; haadha manaa isaa, Isveetilaanaa; intala isaa, Anizelikaa fi abbaa manaa ishii, Anaatoolii; (gidduu) Obboleessi Andireen mana hidhaatii erga ba‵ee booda haadha manaa isaa wajjin ta‵u danda‵eera

GURAANDHALA 27, 2023
RAASHIYAA

Obboleessi Andiree Andireev Mana Hidhaa Raashiyaatii Hiikame

Obboleessi Andiree Andireev Mana Hidhaa Raashiyaatii Hiikame

Guraandhala 22, 2023, Obboleessi Andiree Andireev waggaa sadii oliif mana hidhaa Raashiyaatti erga dabarsee booda hiikameera.

Andireen obboloota hedduu kaanii wajjin mannisaanii erga sakattaa‵ameefi waa‵ee Dhugaa Baatota Yihowaa hedduu erga isaan gaafatanii booda Onkoloolessa 16, 2019 Kuuriskitti hidhame. Gara ji‵a 20 buufata poolisiitti hidhamee erga turee booda Waxabajjii 3, 2021​tti itti murteeffamee mana hidhaa gale.

Andireen amantiisaatiif erga hidhamee booda haadha manaa isaa Isveetlaanaa fi ijoollee durbaa isaanii lamaan Anzeelikaa fi Albiinaaf wantoota karaa hafuuraa isaan barbaachisu guutuuf waan danda‵u hunda godheera. Xalayaa isaaniif barreessuun yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu irraa caqasuudhaan isaan jajjabeessaa ture, akkasumas Anzeelikaan mana hidhaa utuu inni jiruu yeroo heerumtetti haasaa gaa‵elaa barreesseeraaf. Anzeelikaan akkana jetteetti: “Haasaa baay‵ee gaarii ta‵e naaf barreesse. Miira keessummoota keenya hundaa tuqeera . . . akkasumas guyyaa sana akkuma waan nu bira jirutti akka yaannu nu gargaareera.”

Maatiin Andiree deemanii isa gaafachuuf dhaqa qofa atoobisiidhaan sa‵aatii saddeet isaan fudhata. Deemsi kun baay‵ee rakkisaa ta‵us Isveetilanaan akkana jetteetti; “Dhugaa Baatoni naannichaa anaafi fi ijoolleekoof bakka jireenyaa, nyaataa fi geejjiba dhaqaaf gala bakka buufata poolisii geenyee deebi‵uuf nu gargaaru nuu qopheessuudhaan nu deeggaraniiru. Tokko tokko immoo maatiin Andiree akka isa gaafataniif halkan dhaqanii hiriira qabu turan.

Maatiiwwan michootasaa ta‵an gareedhaan Obboleessi Andireen yeroo hiikametti yeroo isa dubbisan

Andireen hidhaa kanaan kan ka‵e miidhaan qaamaa kan isarra ga‵e ta‵us karaa hafuuraa cimaa ture. Amalli Kiristiyaanaa inni argisiisu abbootii taayitaa mana hidhaa sanaa biratti kabaja akka argatu waan isa godheef amalli gaariin inni qabu namoonni hedduun dhaqanii akka isa gaafatan mirga akka argatu godheera. Andireen hidhamuu isaa ilaalchisee akkana jedheera: “Gaabbii, aarii ykn eenyuun illee ilaalchisee jibba hin qabu. Gargaarsa Waaqayyootiin milkaa‵inaa fi gammachuu argachuu danda‵eera.”

Murtoo Andireen jaalala Kiristiyaanaa argisiisuuf godhe Yihowaa biraa eebba guddaa akka isaaf argamsiisu ni amanna.—1 Yohaannis 4:16.