Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaadhaa gara mirgaatti: Obboleessa Sargee Britviinii fi Vaadiim Leevchuuk kutaa mana murtii keessatti

HAGAYYA 20, 2020
RAASHIYAA

Obboleessi Britviinii fi Leevchuuk Mana Hidhaa Raashiyaatti Waggaa Jaʼaa fi Walakkaa Hidhamuu Dandaʼu

Obboleessi Britviinii fi Leevchuuk Mana Hidhaa Raashiyaatti Waggaa Jaʼaa fi Walakkaa Hidhamuu Dandaʼu

Adaba kennamuu dandaʼu

Hidhaa waggaa jaʼaa fi walakkaa

Ibsa gabaabaa

Sargee Britviin

  • Bara dhalootaa: 1965 (Naannoo Kemeroovoo)

  • Seenaa Jireenyaa: Waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif kireenii irra hojjechaa fi konkolaatawwan gugguddaa oofaa ture. Sababa dhibee fayyaatiin dursee soorama baʼe. Ispoortii jaallata

  • Bara 1992, Naataaliyaa fuudhe. Waaʼee abdii duʼaa kaʼuu erga baratee booda bara 1995⁠tti Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu eegale. Waggoota hedduu booda Naataaliyaan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf murteessite. Amantiin Sargee fi akkaataan amantiin isaa kun jijjiiramawwan gaggaarii hedduu akka godhu isa kakaase xiyyeeffannaa ishii harkisee ture

Vaadiim Leevchuuk

  • Bara dhalootaa: 1972 (Naannoo Kemeroovoo)

  • Seenaa jireenyaa: Maatii amantii hin qabne keessatti guddate. Waggoota 14f hojii albuuda baasuu hojjeta ture

  • Bara 1992, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu eegale. Bara 1997 Taatiyaanaa fuudhe. Ilmaan lama qaba. Guutummaan maatichaa Kitaaba Qulqulluutiif kabaja qaba. Ispoortii fi sochiiwwan manaa alatti godhaman kan biroos ni jaallatu

Himata

Waxabajjii 22, 2018, magaalaa Beerezoovskiitti Poolisoonni Federaalaa (FSB) mana obbolootaa fi obboleettota keenya saddeetii humnaan sakattaʼan. Kanaan kan kaʼes, obboleessi Britviinii fi Leevchuuk hidhamanii qorataman. Sana booda, Manni Murtii Giddu Galaa Koonyaa Kemeroovoo obboloonni lamaanuu hanga murtii argatanitti toʼannoo jala akka turan ajaje. Gara waggaa tokkoo fi walakkaadhaaf toʼannaa jala turaniiru. Obboloonni kun Muddee 25, 2019, mana isaaniitti akka hidhaman kan godhaman siʼa taʼu, amma iyyuu achuma jiru.

Naannoo Kemeroovootti obboloota sababa amantii isaaniitiin yakkaan himataman shan keessaa obboleessi Britviinii fi Leevchuuk isaan tokko dha. Waaʼee obbolootaa fi obboleettota keenya Raashiyaatti hidhaman hundumaa ni yaadna, isaaniifis ni kadhanna. Ibroonni 13:3 yaadachiisa akkas jedhu nuu kenna: “Akkuma isaanii wajjin hidhamtanii jirtanitti ilaaluudhaan warra mana hidhaa keessa jiran yeroo hunda yaadadhaa; akkasumas isin iyyuu qaama fooniitiin waan jirtaniif, warra dhiphinni isaan irra gaʼaa jiru yaadadhaa.”

a Guyyaa isaa jijjiiramuu dandaʼa