Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Seemyoon Baaybaak

SADAASA 25, 2020
RAASHIYAA

Obboleessi Dargaggeessi Seemyoon Baaybaak Sababa Amantii Isaatiin Akka Yakkamaatti Murtiitti Dhihaate

Obboleessi Dargaggeessi Seemyoon Baaybaak Sababa Amantii Isaatiin Akka Yakkamaatti Murtiitti Dhihaate

Guyyaa Murtii

Muddee 18, 2020, a Manni Murtii Koonyaa Leeniinskii inni Roostoov-oon-Doon jiru dhimma Obboleessa Seemyoon Baaybaak irratti murtii kennuuf karoorfateera. Abbaan alangaa Seemyoon waggaa afuriif dhorkaa tokko tokko jala akka turu mana murtii gaafateera.

Ibsa gabaabaa

Seemyoon Baaybaak

  • Bara Dhalootaa: 1997 (Roostoov-oon-Doon)

  • Seenaa Jireenyaa: Angafa isaa kan taʼan obboleessaa fi obboleettii tokko qaba. Afaan Chaayinaa kan barate yoo taʼu, afaan kana ni barsiisa. Walaloo dubbisuu fi barreessuu jaallata.

  • Waaʼee Yihowaa ijoollummaatti warra isaa irraa barate. Yommuu guddachaa deemu gorsa Kitaaba Qulqulluu isa ogummaa irratti hundaaʼe barachuudhaan hordofuuf murteesse. Sababa qalbii isaatiin amantiin isaa tajaajila loltummaa kennuu akka didu isa kakaaseera. Bara 2015 hanga 2017⁠tti hospitaala daaʼimmanii naannoo sana jirutti hojii qulqulleessuu hojjechuudhaan tajaajila siviilii akka filannaatti kennamu raawwateera.

Himata

Caamsaa 22, 2019, poolisoonni shororkeessummaa irratti hojjetan manneen Dhugaa baatota Roostoov-oon-Doon jiran 13 weeraran. Gara torban lamaa booda, Waxabajjii 6, 2019, Seemyoon irratti himanni yakkaa ni baname. Kanaafuu manni murtii mana isaatti akka hidhamu murteessuu isaa dura qabamee guyyaa tokkoof kutaa tokkotti hidhame. Jalqaba kan itti murtaaʼe torban saddeet taʼus, yeroon inni hidhamee turu al torba dheereffameera.

Abbootiin taayitaa jalqaba Seemyooniin “yakkaan” kan himatan, walgaʼii amantii hirmaateera, akkasumas wanta Kitaaba Qulqulluu irraa barate warra kaanitti himeera jedhanii ture. Kana malees, Sadaasa 2019, abbootiin taayitaa jaarmiyaa “shororkeessummaa” raawwatu qarshiidhaan deggereera jedhanii himatan.

Ariʼatamni kun obbolootaa fi obboleettota keenya Raashiyaa jiran irra gaʼuu isaa yeroo itti fufe kanatti, Yihowaan inni ‘Waaqa nagaa’ taʼe ‘fedha isaa raawwachuuf’ wanta isaan barbaachisu hunda isaaniif kennuu isaa akka itti fufu beekna.—Ibroota 13:20, 21.

a Guyyaan isaa jijjiiramuu dandaʼa.