Dhimma ijoo ta'etti seeni

ADOOLESSA 24, 2020
RAASHIYAA

Obboleessi Deenis Kiristeensan Yeroo Lammaffaadhaaf Kutaa Adabni Addaa Kennamutti Galfame

Obboleessi Deenis Kiristeensan Yeroo Lammaffaadhaaf Kutaa Adabni Addaa Kennamutti Galfame

Obboleessi Deenis Kiristeensan Adoolessa 15, 2020 yeroo lammataatiif kutaa adabni addaa kennamutti (SHIZO) galfame. Yoo xinnaate hanga Adoolessa 27⁠tti iddoo kana tura. Kun kan taʼe SHIZO keessaa erga baʼee guyyaa afur booda ture. Yeroo sadaffaadhaaf SHIZOtti yoo ergame, manni hidhaa sun ‘yakkamaa hamaa seera mana hidhaa hin eegne’ akka taʼe itti murteessuu fi kutaa adabni caalaatti cimaa taʼe kennamutti (EPKT) jiʼa jaʼaaf isa erguu dandaʼa. Gareen obboleessa Deenis Kiristeensaniif falmu himata dhiheenya isa irratti dhihaate kanaaf ol iyyannoo dhiheessuuf karoorfateera.

Obboleessi Kiristeensan hojii mana hidhaa isaaf kenname hojjechuu waan hin dandeenyeef abbootiin taayitaa isa adabaa jiru. Abbootiin taayitaa mana hidhaa warshaa hodhaa mana hidhichatti akka hojjetu isa gaafatanii turan. Taʼus inni erga mana hidhaa galee kaasee caalaatti fayyaa dhabaa deemeera. Doktarri mana hidhaa sanaa Obboleessi Kiristeensan boqonnaa yoo fudhatee fi sochii qaamaa yoo godhe fayyaan isaa hojjechuu akka isa hin dhowwine ibseera. Haa taʼu malee, doktarri mana hidhaa kanaaf hin hojjenne sana dura yaalii fayyaa isaaf godhee ture. Doktarri kun Obboleessi Kiristeensan sababa fayyaa isaatiin hojjii akkamii iyyuu hojjechuu akka hin dandeenye ibseera.

SHIZOtti hidhamtoonni nyaata akka bitatan, bilbila akka bilbilan ykn isaaniif akka bilbilamu, namoonni akka isaan gaafatan ykn waa akka fudhatan isaaniif hin heyyamamu. Namoonni SHIZOtti hidhamanii jiran tajaajilaan amantii akka isaan gaafatu isaaniif ni heyyamama. Obboleessi Kiristeensan garuu jaarsoliin dhufanii akka isa gaafatan gochuu hin dandaʼu. Kun kan taʼe Raashiyaatti amma iyyuu Dhugaa Baatonni Yihowaa akka amantiitti seeraan waan hin galmeeffamneefi.

Akkuma duraan gabaafame, Waxabajjii 23 Manni Murtii Koonyaa Ligoov Obboleessi Kiristeensan utuu yeroon isaa hin gaʼin akka gadhiifamuu fi adaba isaa isa hafeef immoo qarshii akka kaffalu murteessee ture. Guyyaa muraasa booda garuu abbaan alangaa murtii kana irratti ol iyyannoo dhiheesse. Haalli isaa akka argisiisutti abbootiin taayitaa mana hidhaa abbaa alangaa wajjin walii galanii maqaa Obboleessa Kiristeensan balleessuudhaan dursee akka hin gadhiifamne godhaniiru.

Obboleessi Kiristeensanii fi haati manaa isa Iriinaan ilaalcha gaarii qabu. Yihowaan tajaajiltoonni isaa amanamoon qorumsa cimaa keessatti illee obsaa fi gammachuudhaan jabaatanii akka dhaabatan yommuu gargaaru arguu keenyatti baayʼee jajjabaanneerra.—Qolosaayis 1:11.