Dhimma ijoo ta'etti seeni

Amajjii 21, 2021⁠tti obboleessi Feeliksi Maakhaamaadiyeev mana hidhaa Raashiyaatii erga gadhiifamee booda buufata baaburaa Uzbeekistaanitti haadha manaa isaa Yiivgeeniyaa wajjin yommuu wal argan

AMAJJII 21, 2021
RAASHIYAA

Obboleessi Feeliksi Maakhaamaadiyeev Mana Hidhaa Raashiyaatii Gadhiifamee Gara Uzbeekistaanitti Ergame

Obboleessi Feeliksi Maakhaamaadiyeev Mana Hidhaa Raashiyaatii Gadhiifamee Gara Uzbeekistaanitti Ergame

Muddee 31, 2020⁠tti obboleessi Feeliksi Maakhaamaadiyeev mana hidhaa Raashiyaatii gadhiifameera. Manni Murtii Koonyaa Bileeyiviskii Naannoo Oriinburgi obboleessi Feeliksi hamma waraqaa biyyaa dhalootaa isaa Uzbeekistaanitti deebiʼuuf isa barbaachisu argatutti yeroo muraasaaf wiirtuu namoonni biyyaa baafaman itti turan keessa akka turu itti murteesse. Kun kan taʼe Raashiyaan Ebla 2020⁠tti lammummaa isaa waan haqxeef ture. Amajjii 20, 2021⁠tti abbootiin taayitaa baabura Uzbeekistaan deemu isa yaabbachiisan. Feeliksi Amajjii 21, 2021⁠tti nagaadhaan Uzbeekistaan gaʼuu isaatti gammanneerra. Haati manaa isaa Yiivgeeniyaan guyyaa lama isa dursitee Uzbeekistaan waan deemteef, yeroo inni achi gaʼu isa simatteetti.

Feeliksi Raashiyaa keessa gara waggaa 18 jiraateera. Bara 2002 yommuu ijoollee turetti, innii fi haati isaa Uzbeekistaanii gadhiisanii gara magaalaa Raashiyaa Saaraatov deeman. Bara 2004⁠tti umurii isaa waggaa 19⁠tti cuuphame. Bara 2011⁠tti immoo Yiivgeeniyaa wajjin gaaʼela godhatan.

Waxabajjii 12, 2018⁠tti poolisoonni Tajaajila Nageenyaa Fedaraalaa (FSB) fi poolisoonni naannichaa fuula isaanii haguuggatan mana Feeliksii fi Yiivgeeniyaa weeraran. Yeroo kanatti Feeliksii qabamee mana hidhaa hanga murtiin kennamutti itti tursiisan keessatti gara waggaa tokkoof hidhame. Utuu wal irraa hin kutin kadhachuu isaatiin jabina argateera. Akkas jedheera: “Guyyaa hunda nagaa fi gammachuu guyyaa sanaaf na barbaachisu akka naaf kennu Yihowaan kadhadha.”

Obboleessa Feeliksi Maakhaamaadiyeev eegdota mana hidhaatiin garmalee erga reebamee gara torbee lamaa booda

Sana booda Fulbaana 19, 2019⁠tti Feeliksii fi obboloonni shan yakkaan himatamanii hidhaan itti murtaaʼe. Ol iyyannoon isaanii fudhatama erga dhabee booda Feeliksii fi obboloonni kan biroon afur mana hidhaa Oriinburgi jirutti ergaman; manni hidhaa kun bakka mannii fi maatiin isaanii jiraatan Saaraatov irraa kiilomeetira 800 ol fagaata. Yommuu achi gaʼan garmalee reebaman.

Yeroo kana hundumaatti Feeliksi gammachuu fi seeqa duraan ittiin beekamu eegee itti fufeera. Yiivgeeniyaan, “Baayʼeen isatti boona. Yeroo murtiitti dhihaatu tasgabbii qaba ture; sana boodas tasgabbii isaa kana qabaatee itti fufeera; ani illee jabaadhee akkan dhaabbadhu na jajjabeesseera” jetteetti.

Abbootiin taayitaa Raashiyaa isa miidhuu fi amantii isaa akka laaffisu kan barbaadan taʼus, yeroo dheeraadhaaf hidhamuun isaa amanamummaa Yihowaadhaaf qabu cimsachuuf akka isaa gargaaree dubbateera. Kun yaada Uumama 50:20 irratti Yoseef obbolootaa isaatiin jedhe nu yaadachiisa: “Isin kana kan gootan na miidhuuf yoo taʼe iyyuu, Waaqayyo . . . wanta gaariitti jijjiireera.”