Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessi Genaadii Shipaakooviskiin akkuma mana hidhaatii gadhiifameen haadha manaa isaa Taatiinaa fi intala isaa Maariyaa wajjin

HAGAYYA 3, 2020
RAASHIYAA

Obboleessi Genaadii Shipaakooviskiin Mana Hidhaatii Gadhiifame

Obboleessi Genaadii Shipaakooviskiin Mana Hidhaatii Gadhiifame

Wiixata Hagayya 3, 2020 Manni Murtii Naannoo Piskoov Obboleessi Genaadii Shipaakooviskiin mana hidhaatii akka gadhiifamu murteesseera. Manni murtichi murtoo itti murtaaʼe deggeree murteesse, taʼus murtoo waggaa jaʼaa fi walakkaa akka hidhamu itti murteessee ture murtii daangaa yeroo wal fakkaatuuf turuun bakka buuseera. Waggaa lamaafis sochiin isaa ni toʼatama. Manni murtichaa murtoo kana erga godhee saʼaatii muraasa booda obboleessi Shipaakooviskiin mana hidhaatii gadhiifameera. Abbaan alangaa ol iyyannoo dhiheessuuf mirga qaba.