Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaadhaa gara mirgaatti: Obboleessa Niikoolaay Poleevoodovii fi Istaaniislaavii Kiim Onkoloolessa 2019 kutaa mana murtii alatti

AMAJJII 31, 2020
RAASHIYAA

Obboleessi Istaaniislaav Kiimii fi Niikoolaay Poleevoodov Mana Murtii Raashiyaa Lamatti kan Himataman Siʼa Taʼu, Murtiin Jalqabaa Guraandhala 4, 2020⁠tti Akka Kennamu Eegama

Obboleessi Istaaniislaav Kiimii fi Niikoolaay Poleevoodov Mana Murtii Raashiyaa Lamatti kan Himataman Siʼa Taʼu, Murtiin Jalqabaa Guraandhala 4, 2020⁠tti Akka Kennamu Eegama

Guraandhala 4, 2020⁠tti Manni Murtii Zeeleezinoodooroozii inni magaalaa Raashiyaa Kaabaarooviskiitti argamu, himata Obboleessa Istaaniislaavii Kiimii fi Niikoolaay Poleevoodov irratti dhihaate ilaalchisee murtii kenna jedhamee eegama. Abbaan alangaa obboloonni lamaanuu mana hidhaa hojiin humnaa itti hojjetamutti waggaa sadii akka hidhaman gaafateera. Taʼus, obboloonni lamaanuu, Mana Murtii magaaluma kanatti argamuu fi Indaastiryaal Distiriikt jedhamutti himata yakkaa lammaffaa isaan irratti dhihaateef murtiitti dhihaatu.

Obboleessi Kiimii fi Poleevoodov Sadaasa 10, 2018⁠tti qabaman. Guyyaa sanatti obboloonnii fi obboleettonni Kaabaaaroovsikii 50 ol taʼan, mana bunaatti qophii Bashannanaa fi taphaaf walitti qabamanii turan. Qophiin kun walgaʼii amantii hin turre. Akkuma qophichi jalqabameen, poolisoonni jeequmsa toʼatanii fi yakka qoratan hedduun mana bunichaatti humnaan seenanii namoota achitti argaman qaban. Obboleessi Kiimii fi Poleevoodov, obboleessa Viitaalii Zuuk wajjin hanga murtiitti dhihaatanitti jiʼa lamaaf kan hidhaman siʼa taʼu, sana booda immoo jiʼoota hedduudhaaf mana isaaniitti hidhamaniiru.

Guraandhala 4⁠tti murtiin kan kennamu himata Obboleessa Kiimii fi Poleevoodov irratti dhihaate qofaaf siʼa taʼu, isaan kan himataman qophicha irratti waan argamaniif qofa ture. Taʼus, abbootiin taayitaa Obboleessa Kiim, Poleevoodovii fi Zuuk akkasumas obboleettota qophii kana irratti argaman sadii irrattis himata yakkaa dhiheessaniiru. Obboleessi Kiimii fi Poleevoodov kan himataman qophii kana qindeessitaniittu jedhamanii ti. Dhimma kana irratti murtiin yoom akka kennamu hin murtoofne.

Obboleessi Kiimii fi Poleevoodov yeroo tokkotti yakka lamaan waan himatamaniif haalli isaan mudate adda dha. Qorattoonni yakkaa himaticha walitti makuu waan hin barbaanneef, Obboleessi Kiimii fi Poleevoodov dhaddacha manneen murtii naannoo gara garaa Kaabaaroovsikiitti argamanitti geggeeffaman irratti argamuun isaan irra jira.

Obboloonni lamaanuu gaaʼela kan godhatan siʼa taʼu, ijoollees manaa qabu. Yihowaan obboloota kanaa fi maatii isaaniitiif hafuura qulqulluu kennuudhaan garaa fi yaada isaanii akka eegu, akkasumas qorumsa keessatti amanamoo taʼanii akka itti fufan akka isaan gargaaru ni beekna.—Filiphisiyus 4:7.