Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Aantoon Ostaapenkoo

EBLA 28, 2021
RAASHIYAA

Obboleessi Keenya Aantoon Ostaapenkoon Mana Hidhaa Hanga Murtiitti Tursiifamu Keessa Yeroo Turetti Kadhachuu fi Faarfachuun Isaa Isa Gargaareera

Obboleessi Keenya Aantoon Ostaapenkoon Mana Hidhaa Hanga Murtiitti Tursiifamu Keessa Yeroo Turetti Kadhachuu fi Faarfachuun Isaa Isa Gargaareera

ODEEFFANNOO HAARAA | Manni Murtii Raashiyaa Obboleessa Keenya Ostaapenkootti Murteesse

Onkoloolessa 25, 2021 Manni Murtii Magaalaa Shaariypoovoo inni Naannoo Kiraasnooyaariskitti argamu obboleessi keenya Aantoon Ostaapenkoon yakkamaadha jechuudhaan hidhaa daangaa waggaa jahaa fi jiʼa sadii itti murteesseera. Yeroo ammaatti garuu mana hidhaa hin galu.

Ibsa Gabaabaa

Aantoon Ostaapenkoo

  • Bara Dhalootaa: 1991 (Akiboostuuz, Kaazaakistaan)

  • Seenaa jireenyaa: Ogeessa maashinii bishaan hoʼisuu taʼee hojjeta. Innii fi obboleettiin isaa haadha isaanii irraa dhugaa Kitaaba Qulqulluu kan baratan yeroo umurii waggoota kurnanii keessa turanitti dha. Bara 2005⁠tti Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼee cuuphame

    Naataaliyaa wajjin gaaʼela kan godhatan bara 2015⁠tti dha. Cabbii irra sigigaachuun isa gammachiisa. Akkasumas gitaara taphachuu, qurxummii qabuu fi teenisii taphachuu jaallata

Himata

Ebla 19, 2019, abbootiin taayitaa Shaariypoovoo manneen Dhugaa Baatota Yihowaa kudhan sakattaʼan, akkasumas obbolootaa fi obboleettota argatan gaaffiiwwan gaafatan. Obboleessi keenya Aantoon Ostaapenkoon qabamee hamma Muddee 20, 2019 gadhiifametti mana hidhaa hanga murtiitti tursiifamu keessa ture. Kan himatame sochiiwwan jaarmiyaa shororkeessummaa babalʼisu qindeessiteetta jedhamee ti.

Obboleessi keenya Aantoon yeroo jiʼa jaʼaaf ugguramee turetti, kutaa itti hidhame keessatti bakka kaameeraan isa hin argine, jechuunis gara siinkii isaa dhaqee gaddaan yeroo itti booʼe muraasa qaba ture.

Kadhannaan madda jajjabina isaa isa guddaa ture. Aantoon, “Yihowaan jabaadhee akkan dhaabbadhu akka na gargaaru cimseen isa kadhadhe” jedheera. Akkasumas wanta hubate ilaalchisee akkana jedheera: “Wantan baradhu hedduun qaba ture. Achitti karaa hafuuraa guddina godheera, caalaattis cimeera. . . . Kan nama dinqu, yeroo haalli rakkisaan [akkasii] si mudatu, carraa itti wanta baratte hojii irra itti oolchitu akka argatte sitti dhagaʼama. Kutaa itti hidhamte keessatti Kitaaba Qulqulluu kan argattu yeroo hunda miti. Hidhamuu koo dura waaʼee Yihowaa dubbiseera. Achitti [mana hidhaatti] garuu Yihowaan Waaqa akkamii akka taʼe guutummaatti natti argisiiseera. Dhugaa isaa dubbachuuf, kun taʼuu isaatti baayʼee gammadeera! Yihowaan Waaqa Hundumaa Dandaʼu qofa utuu hin taʼin, Abbaa jaalala qabeessa haala koo guutummaatti hubatu, akkasumas karaawwan ani matumaa hin yaanneen yeroo hundumaa yeroo sirrii taʼetti gargaarsaa fi deggersa naaf godhu naaf taʼeera.”

Faarfannaawwan Mootummichaas jajjabina guddaa isaaf kennaniiru. “Anii fi haati manaa koo yeroo hunda faarfannaa waliin faarfanna turre, kunis faarfannaawwan kana yaadatti qabachuuf nu gargaareera. Keessumaa kun yeroon mana hidhaa hanga murtiitti tursiifamu keessa turetti faayidaa qabeessa taʼuu isaa hubadheera. Ibsaan erga dhaamee booda kadhachuu fi faarfachuun baayʼee na gammachiisa, kunis garaa tasgabbii qabuun hirriba gaarii rafuuf na gargaareera.”

Aantoon murtii manni murtii dabarsu yeroo eeggatu kanatti, hojii isaa hojjechuu isaa itti fufuu dandaʼeera. Taʼus, naannoo Shaariypoovoo keessaa baʼuu hin dandaʼu. Dhorkaan kun beellama mana yaalaatii qabduuf haadha isaa geessuu akka hin dandeenye kan isa taasisu dha.

Yihowaan obboloota ariʼatama isaan irra gaʼaa jiru dandamachaa jiraniif nagaa kennuu isaa akka itti fufu amanannaa guutuudhaan haa kadhannu.—Yohaannis 14:27.