Dhimma ijoo ta'etti seeni

GURAANDHALA 10, 2021
RAASHIYAA

Obboleessi Keenya Aleeksaandar Iivshin Hidhaan Waggaa Torbaa fi Walakkaa Itti Murtaaʼe, Kunis Bara 2017 As Murtii Cimaa Hundarra Caaludha

Obboleessi Keenya Aleeksaandar Iivshin Hidhaan Waggaa Torbaa fi Walakkaa Itti Murtaaʼe, Kunis Bara 2017 As Murtii Cimaa Hundarra Caaludha

Guraandhala 10, 2021, Manni Murtii Godinaa Abiiniskii inni Naannoo Kiraasnadaar Raashiyaatti argamu obboleessa keenya Aleeksaandar Iivshin isa umuriin isaa waggaa 63 taʼetti hidhaa waggaa torbaa fi walakkaa murteesseera. Kunis erga jaarmiyichi bara 2017⁠tti dhorkamee as murtii cimaa Dhugaa Baatuu Yihowaa tokko irratti murteeffame keessaa isa hunda irra caalu dha.

Obboleessi keenya Iivshin Ebla 23, 2020 kaasee yakkamaa akka taʼe himatamaa tureera. Viidiyoo konfiransiidhaan sochii amantii qindeessuu fi faarfannaa Mootummichaa faarfachuudhaan yakka akka raawwate himatameera. Yeroo dhumaatiif mana murtichaatiif yaada isaa yommuu ibsu wantoonni itti amanu Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼan taʼuu isaa akkana jechuudhaan ibseera: “Kabajamoo mana murtii, ejjennoon jireenya kootii qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu isa gochi mankaraarsitummaa ykn jibbi keessa hin jirre irratti kan hundaaʼe dha.”