Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Aleeksii Buudanchuuk ilma isaa Yeegor , intala isaa Soofiyaa, fi haadha manaa isaa, Taatyoonaa wajjin

ADOOLESSA 7, 2021
RAASHIYAA

Obboleessi Keenya Aleeksii Buudanchuuk Mana Hidhaa Raashiyaatii ni Gadhiifame

Obboleessi Keenya Aleeksii Buudanchuuk Mana Hidhaa Raashiyaatii ni Gadhiifame

Adoolessa 6, 2021, obboleessi keenya Aleeksii Buudanchuuk hidhaa isatti murteeffame xumuree mana hidhaa magaalaa Ooranbargii gadhiifameera. Aleeksiin obboloota jaʼaan mana hidhaa magaalaa Saaraatoovitti Fulbaana 2019⁠tti hidhaman keessaa tokko dha. Obboloonni sadii amma iyyuu mana hidhaa jiru. Maatiin isaa fi michoonni Aleeksii yeroo inni hiikamu isa simachuuf kiilomeetira 800 ol imaluun isaan barbaachiseera. Amma maatii isaa wajjin gara bakka jireenyaa isaa Saaraatoovitti deebiʼeera.