Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Andiree Guubiin

EBLA 5, 2021
RAASHIYAA

Obboleessi Keenya Andiree Guubiin Sababa Amantii Isaatiin Qorumsi Irra Gaʼus Jabaatee Dhaabbateera

Obboleessi Keenya Andiree Guubiin Sababa Amantii Isaatiin Qorumsi Irra Gaʼus Jabaatee Dhaabbateera

ODEEFFANNOO HAARAA | Manni Murtii Raashiyaa Murtiin Obboleessi Guubiin Yakkamaa Akka Taʼe Murtaaʼe Irra Deebiʼamee Akka Ilaalamu Godhe

Guraandhala 1, 2022, Manni Murtii Naannoo Jewiish Awutoonomas murtiin Obboleessi Guubiin yakkamaa akka taʼe murtaaʼe irra deebiʼamee akka ilaalamu godhe. Himanni isaa deebiʼee akka ilaalamuuf gara mana murtii gadi aanaatti darbeera.

Fulbaana 9, 2021, Manni Murtii Biiroobijaan inni Naannoo Jewiish Awutoonomasitti argamu obboleessi keenya Andiree Guubiin yakamaa akka taʼe murteesse, akkasumas daangaa waggaa lamaa fi walakkaa isatti murteesse. Yeroo kanatti mana hidhaa galuun isa hin barbaachisuu.

Ibsa Gabaabaa

Andiree Guubiin

  • Bara Dhalootaa: 1974 (Magaalaa Saaraan, Kaazaakistaan)

  • Seenaa Jireenyaa: Obboleessa tokkoo fi obboleettii angafaa tokko qaba. Dargaggummaa isaatti mana barumsaa booda, maatii isaa deggeruuf jecha hojii furtuu suphuu hojjeta. Yeroo booda immoo konkolaataa hojii ijaarsaa konkolaachisuu jalqabe. Tapha ispoortii, walaloo barreessuu fi meeshaalee muuziqaa taphachuu jaallata.

  • Umurii dargaggummaa isaatti jalʼinni haqaa fi hammeenyi addunyaa kanaa isa jeeqa ture. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan nagaa argachuu fi hiika jireenyaa hubachuu dandaʼeera. Waadaa Kitaabni Qulqulluun haqaa fi nagaa ilmaan namootaaf deebisuuf gale jireenya isaa Yihowaadhaaf murteessuuf isa kakaaseeraa. Bara 1991​tti umurii isaa waggaa 17​tti cuuphame. Bara 2007​tti Taatiyaanaa wajjin gaaʼela godhatan. Bara 2011​tti immoo Biiroobijaanitti galan

Himata

Guraandhala 12, 2020​tti, gareen Tajaajila Nageenyaa Federaalaa (FSB) obboleessa keenya Andiree Guubiin irratti qorannoo geggeessuu jalqaban. Fulbaana  17, 2020​tti immoo, himata yakkaa isa irratti banan.

Himanni kun himata obbolootaa fi obboleettota keenya Naannoo Jewiish Awutoonomas keessa jiraatan 19 irratti dhihaate keessaa tokko dha. Himanni kun kan jalqabe yeroo oppireeshinii “Guyyaa Murtii” jedhuun manneen hedduun sakattaʼamanitti ture. Caamsaa 17, 2018​tti qaamoleen mootummaa 150 manneen Dhugaa Baatota Yihowaa 22 sakattaʼaniiru. Qaamoleen mootummaa kaardii baankii, maallaqa, suuraa, kompiitaraa fi moobaayilii jalaa fudhatan.

Qaamoleen mootummaa Andiree fi Taatyaanaan maallaqa baankiidhaa qaban baafachuu akka hin dandeenye godhan. Kanaafuu, maallaqa jireenyaaf isaan barbaachisu argachuun baayʼee isaan rakkise. Ariʼatamni jiʼootaaf itti fufe haala fayyaa Taatiyaanaa irrattis dhiibbaa godheera. Haa taʼu malee, hiriyoonni gaaʼelaa kun Kitaaba Qulqulluu guyyaa guyyaan dubbisuudhaan jajjabina argachaa jiru. Keessumaa gorsa Kitaaba Qulqulluu haala rakkisaa dandamachuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe ibsu irraa faayidaa guddaa argataniiru.

Gargaarsi guddaan Andireen obbolootaa fi obboleettota isaa irraa argate amantii Yihowaa fi jaarmiyaa isaa irratti qabu isaaf cimseera. Fakkeenyaaf, gaaf tokko Andireen haala keessa jirutti dhiphatee ture. Miira isaa kana obboleessa akkuma isaa yakkamaa jedhamee himatametti hime. Jalqaba irratti obboleessi sun haala akkasii keessatti miirri akkasii isatti dhagaʼamuun isaa waanuma jiru akka taʼe isatti hime. Achiis, Yesuus maqaa Yihowaatiif jecha ariʼatamuu isaa akka mirga guddaatti akka ilaale isa yaadachiise. Andireen, “Sana booda baayʼeen tasgabbaaʼe. Fedha Abbaa koo raawwachuufis nan murteesse” jedheera.

Andiree fi Taatiyaanaan jajjabinaa fi cimina Dubbii Waaqayyoo irraa argamutti amanamuu isaanii akka itti fufan isaaniif kadhanna. “Warri Waaqa dhugaa sodaatan isa sodaachuu isaaniitiin kan kaʼe gaarii akka isaaniif taʼu” mirkanaaʼoo dha.—Lallaba 8:12.