Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Keenya Andiree Ooremichaak

HAGAYYA 3, 2021
RAASHIYAA

Obboleessi Keenya Andiree Ooremichaak Jabina Yihowaan Isaa Kennutti Amanamaa Jira

Obboleessi Keenya Andiree Ooremichaak Jabina Yihowaan Isaa Kennutti Amanamaa Jira

ODEEFFANNOO HAARAA | Guraandhala 3, 2022, Manni Murtii Ol Iyyannoo Sadarkaa Arfaffaa iyyata Obboleessa keenya Andiree Ooremichaak fudhachuu dide. Murtiin jalqaba waggaa afuriif dhorkaa tokko tokko jala akka turu itti murtaaʼe akkuma jirutti itti fufa. Haa taʼu malee yeroo kanatti mana hidhaa hin galu.

Chaartii Yeroo

  1. Caamsaa 22, 2019

    Poolisoonni fuula haguuggatan ganama bariidhaan manaa fi konkolaataa Andiree sakattaʼan

  2. Onkoloolessa 29, 2020

    Himanni yakkaa ni dhihaate. Walgaʼii amantii seeraa ala taʼe irratti hirmaateera, akkasumas sochii jaarmiyaa finxaalessaa deggereera jedhamee himatame

  3. Ebla 5, 2021

    Himanni yakkaa ilaalamuu eegale

  4. Hagayya 2, 2021

    Manni Murtii koonyaa Leeniiniskii inni Roostoov Oon Doon jiru  Andireen yakkamaa dha jedhee murteesse. Manni murtichaa waggaa afuriif dhorkaa tokko tokko jala akka turu itti murteesseera

  5. Onkoloolessa 4, 2021

    Manni Murtii Naannoo Roostoov ol iyyannoo Andireen dhiheesse fudhachuu dide. Murtiin jalqaba itti murtaaʼe akkuma jirutti itti fufa

Ibsa Gabaabaa

Amantii cimaan obboloonnii fi obboleettonni keenya Raashiyaa jiran argisiisan hunda keenyaafuu fakkeenyaa gaarii taʼa. Andiree fi maatiin isaa abbaa keenya isa samii Yihowaatti guutummaatti amanamuu isaanii hamma itti fufanitti qorumsa kana akka dandamatan beekna.—Faarfannaa 37:5.