ONKOLOOLESSA 11, 2024
RAASHIYAA
Obboleessi Keenya Arsena Avaanesoov Mana Hidhaa Raashiyaatii Gadhiifame
Onkoloolessa 9, 2024, obboleessi keenya Arsena Avaanesoov mana hidhaa Raashiyaa keessaa gadhiifame. Jalqaba irratti yakkamaa jedhamee, Adoolessa 29, 2021 hidhaan waggaa jaʼaa fi walakkaadhaa isatti murteeffame. Achiis, ol iyyannoo yommuu dhiheeffatu abbaan alangaa hidhaa isaa waggaa torba godhe. Isa irratti murteeffamuu isaa dura mana hidhaa hamma murtiittin kennamuufiitti keessa tursiifaman keessa gara waggaa lamaa ol hidhame waan tureef amma murtiin isaa xumurameera.
Abbaan Arsena Vileen Avaanesoov, himatuma kana irratti yakkamaa jedhamee kan isa irratti murteeffame yommuu taʼu hidhaa waggaa jaʼaa isatti murteeffame xumureera. Innis Guraandhala 9, 2024 mana hidhaatii gadhiifameera.
Arsena Yihowaadhaaf amanamaa taʼee jiraachuuf kutatee waan tureef mana hidhaa keessatti cimaa taʼee itti fufuu dandaʼeera. Dhaddacha hidhaan isatti murteeffamuu isaa dura ture ilaalchisee yaada akkana jedhu kenneera: “Yihowaadhaaf amanamaa taʼee jiraachuuf waadaa galeera. Jireenya koo isaaf murteesseera, kanas kanan godhe garaa koo irraati. Waadaan isaaf gale matumaa diiguu hin barbaadu.” Kana malees, Arsenaan amantii cimaan namni tokko Waaqayyo irratti qabu matumaa laafuu akka hin dandeenye dubbateera. “Amantiin koo matumaa hin laafne; kanaa mannaa caalaatti naaf cimeera” jedheera.
Arsena deebiʼee maatii isaa wajjin wal arguu isaatti gammanneerra; obbolootaa fi obboleettota keenya amma iyyuu mana hidhaa jiraniif cimsinee kadhachuu keenya itti fufna. ‘Qorumsa garaa garaatiin kan dhiphannu’ taʼus, amantii keenyaa fi jabaannee dhaabachuu keenyaan eebba guddaa akka argannu beekuun keenya baayʼee nama jajjabeessa.—1 Pheexiros 1:6, 7.