Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Artar Lookiviskiyaa fi haadha manaa isaa Aanaa

AMAJJII 26, 2021
RAASHIYAA

Obboleessi Keenya Artar Lookiviskiyaa Manni Isaa Biroobizaanitti Argmu Erga Sakattaʼamee Booda Hidhaan Waggaa Afurii Itti Murteeffamuu Dandaʼa

Obboleessi Keenya Artar Lookiviskiyaa Manni Isaa Biroobizaanitti Argmu Erga Sakattaʼamee Booda Hidhaan Waggaa Afurii Itti Murteeffamuu Dandaʼa

Guyyaa Murtii

Guraandhala 2, 2021⁠tti a Manni Murtii Godinaa Biroobizaan inni Naannoo Bulchiinsa Yihudootaatti argamu himata obboleessa keenya Artar Lookiviskiyaa wajjin haala walqabateen dhihaateef murtoo kennuuf beellameera. Tarii, waggaa afuriif hidhamuu dandaʼa.

Ibsa gabaabaa

Artar Lookiviskiyaa

  • Bara dhalootaa: 1986 (Beelgooradiskoo, Naannoo Bulchiinsa Yihudootaa)

  • Seenaa Jireenyaa: Abbaan Artar kan duʼe yeroo umuriin Artar waggaa torba turetti dha. Yeroo booda ogeessa elektirikii fi nama balaa ibiddaa ittisuu irratti dandeettii guddaa qabu taʼe. Jabaatee waan hojjetuuf badhaasawwan garaa garaa argateera.

    Haati Artar ijoollummaa isaatii kaastee Yihowaa akka beeku isa gargaarteetti. Cuuphamee Dhugaa Baatuu Yihowaa kan taʼe bara 1998 umurii isaa waggaa 11⁠tti dha. Bara 2018⁠ttis haadha manaa isaa Aanaa waliin gaaʼela godhatan. Iddoo garaa garaa deemanii waliin bashannanuu jaallatu turan.

Himata

Artarii fi Aanaan Caamsaa 2018⁠tti gaaʼela erga godhatanii jiʼa sadii booda, poolisoonni mana isaanii sakattaʼan. Qaamoleen nageenyaa 150 taʼan ergama “Guyyaa Murtii” jedhamuun yoo xiqqaate manneen Dhugaa Baatota Yihowaa 22 sakattaʼaniiru. Manni Iirinaa ishiin haadha Artar taatees sakattaʼameera. Adoolessa 31, 2019⁠tti Tajaajilli Nageenyaa Fedaraalaa (FSB) Biroobizaan, Artar ‘sochii mankaraarsitummaa irratti hirmaateera’ jechuudhaan isa himateera. Aanaa fi Iiriinaanis kophaatti himatamaniiru.

Himanni yakkaa dhihaate maatiin kun maallaqa jireenyaaf isaan barbaachisu argachuun akka isaanitti ulfaatu godheera. Abbootiin taayitaa Artar maallaqa baankiitii qabu akka hin sochoofne dhorkaniiru. Kana malees, hogganaan isaa hojii isaa irraa isa ariʼuuf isa sodaachisaa jira.

Sababa qorannoo yakkaa isaan irratti adeemsifamuun kan kaʼe maatiin kun tasgabbaaʼanii jiraachuu hin dandeenye. Artar akkas jechuudhaan dubbateera: “Jireenyi keenya duraanii guutummaatti jijjiirameera. Sagantaa torbee (ykn kan guyyaa tokkoo illee) baafachuun nutti ulfaateera. [Poolisoonni] saʼaatii barbaadan gara buufata poolisiitti nu waamu. Kanaafuu, sagantaa keenya guyyaa guyyaa irratti akkuma haala isaatti jijjiirama gochuu qabna.”

Artarii fi Aanaan deggersa obboloonnii fi obboleettonni isaaniif godhaniif baayʼee galateeffatu. Artar akkana jedheera: “Obboloonni keenya karaa miiraa fi karaa hafuuraa baayʼee nu deggeraniiru. . . . Saba Yihowaa gidduu jiraachuu keenyaa fi mana murtii kana dura dhaabannee maqaa Yihowaatiif falmuuf mirga argachuu keenyatti hammam akka gammanne jechaan ibsuu hin dandeenyu! Yihowaan dhugumaan warra kan isaa taʼan akka hin dhiisne ifa dha.”

Artarii fi haati manaa isaa barsiifata hafuuraa gaarii qabaachuun isaanii ciminaa fi ija jabina akka qabaatan isaan gargaareera. Taʼus akka gochuun yeroo hundumaa salphaa miti. Poolisoonni sun ergama “Guyyaa Murtii” jedhamuun kan kaʼe mana isaanii erga sakattaʼanii booda Artar akkas jedheera: “Kitaaba Qulqulluus taʼe barreeffama Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe hin qabannu.” Kun jalqaba irratti Artariin yaaddessee ture. Innii fi maatiin isaa akkaataan sochiiwwan hafuuraa isaanii itti geggeeffachuu dandaʼan isaan yaaddessee ture. Garuu yeruma sana wanta baayʼee barbaachisaa taʼe tokko yaadate. Akkana jedheera: “[Warri FSB] akka hin kadhanne nu dhowwuu hin dandaʼan. Kanaaf yeruma sana kadhachuu jalqabne. Kadhannaan baayʼee nu gargaareera.”

Yihowaanis kadhannaa isaanii dhagaʼee nyaatawwan hafuuraa, sochiiwwan hafuuraa isaanii itti fufuuf isaan gargaaran isaaniif dhiheesseera. Artar akkana jedheera: “Haala dhaabbataa taʼeen waaqeffannaa maatii godhachuu, walgaʼiiwwaniif qophaaʼuu fi maatiidhaan taanee Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf wanta nuuf dandaʼame hundumaa goona. Akkas gochuun keenya caalaatti walitti dhihaachuuf qofa utuu hin taʼin jireenya keenya keessatti harka Waaqayyoo arguu fi ilaalcha sirrii qabaachuuf nu gargaareera.”

Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi qoʼachuu malees, eebbawwan gara fuulduraatti raawwataman irratti xiinxaluudhaan faayidaa argataniiru. Artar akkana jedheera: “Addunyaa haaraa keessa akka jirru goonee yaaduuf, abdiiwwan gara fuulduraatti raawwataman irratti xiinxaluu jalqabne.” Itti dabaluudhaanis, “Lafa kana qulqulleessuu fi ijaarsa irratti hirmaachuu barbaanna. Kun immoo akka cimnuu fi akka jajjabaannu nu gargaareera”

Hamma gaafa guyyaa sanaatti garuu Artarii fi Aanaan yaada Ibroota 13:6 irra jiruu fi “Yihowaan gargaaraa koo ti; ani hin sodaadhu. Namni maal na gochuu dandaʼa?” jedhu irratti ni yaadu. Artar akkana jedheera: “Bilisummaa yoo dhabne, gumiidhaaf walitti qabamuu ykn walii walii keenyaan walitti qabamuu akka hin dandeenye yoo nu godhan illee, wantoota iddoo guddaa qaban, jechuunis hariiroo Yihowaa wajjin qabnu, kadhannaa fi abdiiwwan keenya irratti akka hin xiyyeeffanne nu gochuu hin dandaʼan.”

a Beellamni kun jijjiiramuu dandaʼa.