ADOOLESSA 30, 2021
RAASHIYAA
Obboleessi Keenya Genaadii Jarmanii fi Roomaan Giriidaasoov Mana Hidhaa Raashiyaatii Gadhiifaman
Adoolessa 29, 2021tti, obboleessi keenya Genaadii Jarmanii fi Roomaan Giriidaasoov hidhaa isaanii erga fixanii booda mana hidhaatii gadhiifaman. Obboloonni kun obboloota shanan Saaraatov irraa dhufanii fi mana hidhaa Ooranbargitti reebaman keessaa tokko dha. Obboleessi keenya Feeliiksi Maakhaamaadiyeen Amajjii 2021, obboleessi keenya Aleeksii Buudanchuuk immoo Adoolessa 2021tti mana hidhaatii gadhiifaman. Obboleessi keenya Aleeksii Miiratiskii amma iyyuu mana hidhaa Ooranbargi jira; garuu jalqaba Hagayya 2021tti ni gadhiifame jedhamee beellamni isaaf qabameera.