Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessi keenya Konstaantiin Baazheenoov mana hidhaatii erga gadhiifamee booda yeroo muraasaaf haadha manaa isaa Irinaa wajjin wal argee ture. Yeroo ammaatti gara Yuukreenitti geeffamuuf buufata namoonni biyya ormaa hamma biyya isaanitti deebiʼanitti keessa tursiifaman keessa jira

CAAMSAA 5, 2021
RAASHIYAA

Obboleessi Keenya Konstaantiin Baazheenoov Mana Hidhaa Raashiyaa Keessaa Kan Gadhiifame Taʼus Gara Yuukreenitti Ariʼamuuf Jedha

Obboleessi Keenya Konstaantiin Baazheenoov Mana Hidhaa Raashiyaa Keessaa Kan Gadhiifame Taʼus Gara Yuukreenitti Ariʼamuuf Jedha

Caamsaa 5, 2021tti obboleessi keenya Konstaantiin Baazheenoov hidhaa itti murteeffame xumuree mana hidhaa Diimiitroovgraad keessaa gadhiifameera. Haa taʼu malee, Caamsaa 2020⁠tti lammummaan nama Raashiyaa taʼuudhaan argate waan jalaa haqameef gara buufata namoonni biyya ormaa hamma biyya isaanitti deebiʼanitti keessa tursiifaman keessa akka galu godhameera. Dhiheenyatti gara biyya Yuukreenitti ni ariʼama.