Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Niikolaayi Maakhaalicheev mana hidhaa Belaarus irraa erga gadhiifamee booda

EBLA 9, 2020
RAASHIYAA

Obboleessi Keenya Maakhaalicheev Mana Hidhaa Belaarus Jiru Irraa Gadhiifame, Raashiyaan Gara Biyyaatti Akka Deebiʼu Gaafattus Abbaan Alangaa ni Dide

Obboleessi Keenya Maakhaalicheev Mana Hidhaa Belaarus Jiru Irraa Gadhiifame, Raashiyaan Gara Biyyaatti Akka Deebiʼu Gaafattus Abbaan Alangaa ni Dide

Waajjirri Abbaa Alangaa Belaarus Ebla 7, 2020⁠tti, gaaffii Raashiyaan akka inni gara biyyaatti deebiʼu dhiheessite kuffisuudhaan obboleessa keenya Niikolaayi Maakhaalicheev mana hidhaatii gadhiiseera. Obboleessi keenya Maakhaalicheev yeroo Ayyaana Yaadannoo Duʼa Yesuus michoota isaa Belaarus jiranii wajjin kabajuuf gadhiifamuu isaatti baayʼee gammadee ture.

Abbootiin taayitaa obboleessi keenya Maakhaalicheev Raashiyaadhaa kaʼee michoota isaa Belaarus jiran gaafachuuf utuu deemaa jiruu Guraandhala 21, 2020⁠tti qabanii isa hidhan. Poolisiin Belaarus jiru paaspooritii isaa erga ilaalee booda nama sochii jaarmiyaa “mankaraarsaa” taʼee qindeessuudhaan Raashiyaan himatte taʼuu isaa waan hubateef qabee hidhe.

Guyyaa sadii booda, obboleessi keenya Maakhaalicheev himata Amajjii 2019 isa irratti dhihaateef akka itti gaafatamuuf gara Raashiyaatti akka deebiʼu murteessan. Ajaja Raashiyaan baasteen Dhugaa Baatuun Yihowaa biyya kan biraatti yeroo qabamu kun isa jalqabaa ti.

Obboleessa keenya Maakhaalicheev yeroo mana hidhaa ture kanatti Yihowaa waaqeffachuu isaa itti fufuudhaan jabina argateera. Jiʼa Bitootessaatti qoʼannaa afur geggeessuu fi saʼaatii 198 gabaasuu dandaʼeera.

Obboloonnii fi obboleettonni keenya Raashiyaa jiran yeroo rakkisaa kanatti isa kooluu itti galanii fi dahoo isaanii akka taʼetti Yihowaa ilaaluu isaanii akka itti fufan beekna.—Faarfannaa 142:5.