Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Nikalaay Aliiyiivii fi haadha manaa isaa Aleesiyaa

BITOOTESSA 25, 2021
RAASHIYAA

Obboleessi Keenya Nikalaay Aliiyiiv Ariʼatama Sababa Amantaa Isaatiin Isa Irra Gaʼe Ija Jabinaan Dandamate

Obboleessi Keenya Nikalaay Aliiyiiv Ariʼatama Sababa Amantaa Isaatiin Isa Irra Gaʼe Ija Jabinaan Dandamate

ODEEFFANNOO HAARAA | Manni Murtii Raashiyaa Ol Iyyannoo Fudhachuu Dide

Fulbaana 2, 2021, Manni Murtii Naannoo Kaabaarooviskii ol iyyannoo Obboleessi Keenya Nikalaay Aliiyiiv dhiheesse fudhachuu dide. Murtiin jalqaba itti murtaaʼe hojii irra oola. Haa taʼu malee yeroo kanatti mana hidhaa galuun isa hin barbaachisu.

Obboleessi Keenya Nikalaay Aliiyiiv Daangaa Jala Akka Turu Itti Murtaaʼe

Waxabajjii 4, 2021, Manni Murtii Koonyaa Kamsamoliiski Naamurii obboleessa keenya Nikalaay Aliiyiiv daangaa waggaa afurii fi walakkaa jala akka turu murteesse.

Ibsa Gabaabaa

Nikalaay Aliiyiiv

  • Bara Dhalootaa: 1978 (Kamsamoliiski Naamur)

  • Seenaa Jireenyaa: Ijoollummaa isaatti jireenyaa fi hawaa kan uume eenyu akka taʼe beekuu ni barbaada ture. Kunis deebii Kitaabni Qulqulluun kennu beekuuf isa kakaase. Barumsa Yesuus nagaa uumuu ilaalchisee barsiisee fi fakkeenya isaa erga baratee booda ispoortiiwwan bunyaa taphachuu dhaabe. Bara 1993⁠tti cuuphamuudhaan Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe

    Bara 2016⁠tti Aleesiyaa fuudhe. Imaluu, gaara baʼuu fi cabbii irra sigigaachuu dabalatee wantoota hedduu gochuu jaallatu

Himata

Ganama barii Caamsaa 22, 2020⁠tti poolisoonni Kamsamoliiski Naamur mana Nikalaayii fi Aleesiyaa sakattaʼan. Yommuu poolisoonni mana isaanii seenanitti dhaʼanii kuffisuudhaan mana hidhaa isaan geessuu isaanii dura saʼaatii shaniif mana isaanii sakattaʼan. Abbootiin taayitaa yommuu isa qoratanitti Aleesiyaanis abbaa manaa ishii irra “wanti hamaan akka hin geenyeef” yaada isaanii akka deeggartu ishii gaafataniiru. Kan sossodaachifaman taʼus, galgaluma sana mana hidhaatii baʼuudhaan gara mana isaaniitti deebiʼaniiru.

Nikalaay Yihowaan haala rakkisaa keessatti karaa hedduudhaan isa gargaaruu isaa irratti yaaduun isaa akka isa jajjabeesse ibseera. Akkana jedheera: “Yeroo qorumsi sirra gaʼutti kophaa kee qorumsicha moʼuu akka hin dandeenye ni hubatta. Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii kan kennuu fi qajeelfama kan nuuf kennu akkamitti akka taʼe caalaatti hubadheera. Yaanni Phaawulos, ‘yeroon dadhabu yeroo sanatti humna nan qabaadha’ jechuun dubbate dhugaa taʼuu isaa hubadheera.”—2 Qorontos 12:10.

Nikalaayii fi Aleesiyaan ija jabinaa fi tasgabbii qabaatanii itti fufuuf carraaqqii gochaa jiru. Yaada Isaayyaas 41:10 irra jiru firiijii isaanii irratti maxxansaniiru. Nikalaay akkas jechuun dubbateera: “Keessumaa yeroo wanti tokko natti ulfaatu caqasichan dubbisa, achiis wanti hundi naaf salphata. Caqasni kun akkan hin sodaannee na gargaareera. Keessumaa Yihowaan akka naa wajjin jiruu fi akka michuutti harka qajeelummaa isaa isa mirgaatiin na hammatee akka jiru naaf mirkaneessuun isaa caalaatti na jajjabeesseera.” Yihowaan yeroo hunda warra isatti amanaman akka jabeessu ni amanna.