Dhimma ijoo ta'etti seeni

AMAJJII 19, 2021
RAASHIYAA

Obboleessi Keenya Sargee Biriitveenii fi Vadiim Leevchak Mirga Ol Iyyannoo Dhiheessuu Dhabanis Jabaatanii Itti Fufaniiru

Obboleessi Keenya Sargee Biriitveenii fi Vadiim Leevchak Mirga Ol Iyyannoo Dhiheessuu Dhabanis Jabaatanii Itti Fufaniiru

Amajjii 19, 2021⁠tti Manni Murtii Naannoo Kaamchaatkaa ol iyyannoo obboleessi keenya Sargee Lediiniyoovii fi Vadiim Leevchak dhiheessan fudhachuu dideera. Murtiin hidhaa waggaa afurii kanaan dura isaanitti murteeffamee ture amma hojii irra ni oola. Mana hidhaa hanga murtiin kennamutti itti tursiisan keessattii fi dhorkaa tokko tokko jalatti yeroo dheeraa waan dabarsaniif yeroo isaanitti murteeffame keessaa waggaa sadii ol akka fixanitti ilaalama. Kanaan kan kaʼes tilmaamaan waggaa tokko keessatti gadhiifamuu dandaʼu. Lamaan isaanii iyyuu jabaatanii itti fufuuf, akkasumas haala keessa jiran keessatti wanta dandaʼan hunda gochuuf kutataniiru.

Yeroo jalqaba isaanitti murteeffametti obboloonni kun amantii Yihowaa irratti qabanii fi isa tajaajiluu isaaniitiin akkamitti akka fayyadaman ija jabinaan dubbataniiru.

Sargeen mana murtii duratti yeroo dhihaatetti akkana jedhee ture: “Abbaan alangaa maal akkan godhu barbaada? Amantii koo akkan ganu barbaadaa? Dhugaa dubbachuuf amantiin ani Yihowaa irratti qabu nama gaarii akkan taʼuu fi lammii Raashiyaa kabajamaa akkan taʼu na gargaareera. Waaqayyo gaaʼelli [koo] fi jireenyi [koo] akka fooyyaʼu waan na gargaareef baayʼeen isa galateeffadha. Yihowaadhaaf galanni haa taʼuutii, jireenyi koo kaayyoo qaba, gara fuulduraa ilaalchisees amanannaa guddaan qaba. Hariiroo cimaan ani Waaqayyo wajjin qabu wanta hundumaa caalaa gatii guddaa qaba. Wanti isaan ittiin na himatan maal iyyuu yoo taʼe michummaan isa wajjin qabuuf iddoo guddaan kenna.”

Vadiim immoo akkana jedheera: “Dhuunfaa kootti yeroo kana hundumaatti Yihowaan na wajjin waan jiruuf, anis isa cinaa waanan dhaabbadheef tasgabbii guddaan natti dhagaʼameera. Murtiin kennamu maal iyyuu yoo taʼe, yeroo hunda wantin iddoo guddaa kennuuf ilaalcha Waaqayyo anaaf qabu dha. Amaloota Waaqayyoon gammachiisan kan akka jaalalaa, gammachuu, nagaa, gaarummaa, amantii, garraamummaa fi of toʼachuu jiran bakkin itti horadhu anaaf jijjiirama hin fidu.”