HAGAYYA 17, 2021
RAASHIYAA
Obboleessi Keenya Vaasilii Meeleshkoon Obboloota Arfan Yakkamtoota Akka Taʼanitti Murtiin Hatattamaa Irratti Dabarfame Keessaa Tokko Dha
Guyyaa
Hagayya 11, 2021tti Manni Murtii Naannoo Kiraasnadaar obboleessa keenya Vaasilii Meeleshkoo irratti hidhaa waggaa sadii murteesseera; murtiin kun kan isa irratti dabarfame guyyaa lamaaf mana murtiitti erga dhihaatee booda dha. Mana murtiitii kallattiidhaan gara mana hidhaatti geeffame. Vaasiliin obboloota arfan manni murtii kun yakkamtoota akka taʼanitti murtii hatattamaa irratti dabarse keessaa tokko dha a
Hagayya 10, 2021
Himanni yakkaa Vaasilii irratti dhihaate. Yeroo abbaan murtii isa gaafatetti ija jabinaan Dhugaa Baatuu Yihowaa akka taʼe dubbate
Waxabajjii 24, 2021
Mariin Vaasilii fi obboleessi keenya Aleeksaandar Iivshin godhan galmee himata isa irratti dhihaatee keessatti dabalamee ture. Abbaan alangaa sun dhimmawwan “tajaajila Yihowaa” wajjin wal qabatan irratti akka mariʼatan dubbate
Ebla 12, 2021
Himanni Vaasiliin irratti dhihaate “barumsa barreeffama amantaa irratti hudaaʼe kennuu fi dhaggeeffachuu,” akkasumas “garee kitaaba amantaa irratti mariʼatuu keessatti hirmaachuu” kan dabalatu dha
Ebla 7, 2021
Barii 12:30tti, poolisoonni meeshaa waraanaa hidhatan sadii, poolisoonni qorannaa geggeessan afurii fi bakka buutonni lama mana Vaasilii fi Zooyaa humnaan seenanii sakattaʼaniiru. Boodas, Vaasilii qorannaadhaaf fuudhanii deeman. Achiis qorattoonni mana isaa fi gamoo obboloonni keenya duraan waaqeffannaadhaaf itti fayyadamaa turan fuulduratti suuraa isa kaasan. Qorattoonni kun suuraawwan kana Vaasiliin yakka akka raawwatetti himachuuf akka ragaatti itti fayyadaman. Vaasiliin naannoo sanaa akka hin deemne ajajni kennameefii ture
Ibsa Gabaabaa
Obbolootaa fi obboleettota keenya Raashiyaa jiran irratti murtiin hatattamaa akkasii fi ariʼatamni gaʼaa kan jiru taʼuun isaa “oduu hamaa” taʼus, Vaasilii fi maatiin isaa, ‘Yihowaatti waan amanamaniif’garaan isaanii cimaa taʼee akka itti fufu amanannaa qabna.—Faarfannaa 112:7, 8.
a Obboleessi keenya Ooleegi Daaniiloov Bitootessa 30, 2021tti hidhaan waggaa sadii itti murteeffameera. Obboleessi keenya Aleeksaandar Iivshin Guraandhala 10, 2021tti hidhaan waggaa torbaa fi walakkaa itti murteeffameera. Obboleessi keenya Aleeksaandar Sarbiinaan Ebla 6, 2021tti hidhaan waggaa sadii itti murteeffameera.