Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleettii keenya Taatyaanaan abbaa manaa ishii Olushkiin erga mana hidhaatii hiikamee booda yommuu hammattee nagaa isa gaafattu

EBLA 10, 2020
RAASHIYAA

Obboleessi Keenya Vilaadimiir Olushkiin Mana Hidhaatii Gadhiifame

Obboleessi Keenya Vilaadimiir Olushkiin Mana Hidhaatii Gadhiifame

Obboleessi keenya Vilaadimiir Olushkiin Bitootessa 30, 2020 mana hidhaatii gadhiifamee haadha manaa isaatti deebiʼeera.

Kan gadhiifame gabaasa kanaan dura baʼee fi murtii Manni Murtii Naannoo Peenzaa Bitootessa 25 dabarse irratti hundaaʼuudhaan ture. Murtoon kun murtoo obboloota keenya Vilaadimiir Olushkiin, Vilaadimiir Kuulyaasoov, Andiree Maagliivii fi Deeniis Tiimooshiin akkasumas obboleettota keenya Taatyaanaa Olushikiinaa fi Gaaliyaa Olkahoovaa irratti darbee ture kuffiseera. Manni Murtii Naannoo Peenzaa dhimmicha abbaan murtii kan biraa akka ilaaluuf dhaaddacha jalqabaatti deebiseera. Hammasitti garuu, jaʼan isaanii iyyuu biyyaa baʼuu dabalatee dhorkaawwan kan biroo jala taʼu.

Obboleessi keenya Olushkiin gadhiifamuu isaatti kan gammanne taʼu iyyuu, guyyaa lama booda obboleessi keenya kaaba baha Raashiyaa jiru kan biraan sababa amantii isaatiin itti murteeffameera. Yeroo murtoowwan jalʼaan akkanaa kennamaa jiran kanatti, obboloonnii fi obboleettonni keenya Raashiyaa jiran yaada Naahom 1:7 irratti, “Waaqayyo gaarii dha, yeroo rakkinaattis iddoo baqaa ti, warra isa amanatanis beeka” jedhame akka yaadatanii fi akka itti amanaman beekna.