Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessi keenya Vitaalii Papuuv haadha manaa isaa Naataaliyaa wajjin

CAAMSAA 20, 2021
RAASHIYAA

Obboleessi Keenya Vitaalii Papuuv Sababa Amantii Isaatiin Mana Hidhaa Seenuu Dandaʼa

Obboleessi Keenya Vitaalii Papuuv Sababa Amantii Isaatiin Mana Hidhaa Seenuu Dandaʼa

ODEEFFANNOO HAARAA | Manni Murtii Raashiyaa Ol Iyyannoo Obboleessi Keenya Vitaalii Papuuv Yeroo Lammaffaaf Dhiheesse Fudhachuu Dide

Guraandhala 16, 2022, Manni Murtii Ol Iyyannoo Sadarkaa Saddeetaffaa ol iyyannoo Obboleessi keenya Vitaalii Papuuv yeroo lammaffaaf dhiheesse fudhachuu dide. Haa taʼu malee yeroo kanatti mana hidhaa hin galu.

Adoolessa 23, 2021​tti Manni Murtii Naannoo Novesibiriskii ol iyyannoo Vitaaliin dhiheesse fudhachuu kan dide yommuu taʼu, murtii daangaa waggaa sadii jala akka turu itti murtaaʼe deggere murteesse.

Caamsaa 21, 2021, Manni Murtii Koonyaa Leeniinsikii inni Novesibiriskiitti argamu Vitaaliitti murteesse. Waggaa sadiif daangaa jala akka turu itti murtaaʼe.

Ibsa Gabaabaa

Vitaalii Papuuv

  • Bara Dhalootaa: 1967 (Novesibiriski)

  • Seenaa Jireenyaa: Hojii elektirikii fi sibiila suphuu hojjeta ture. Loltuu waraana Sooviyeet taʼee tajaajileera. Cabbii irra sigigaachuu, kubbaa miillaa, kubbaa harkaa taphachuu fi wellisuu jaallata. Kan guddate obbolaa dhiiraa lamaa fi obboleettota durbaa lamaa wajjini. Vitaaliin erga guddatee booda, obboleessa isaa angafaa fi obboleettii isaa haala nama gaddisiisuun duʼaan dhabeera. Kanaafuu, Vitaaliin waaʼee duʼaa fi waaʼee gara fuulduraa ilaalchisee gaaffiiwwan hedduu qaba ture.

    Dhugaa Baatota Yihowaa waliin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kan jalqabe jalqaba bara 1990mannii keessa dha. Namoonni kan duʼan maaliif akka taʼe ilaalchisee deebiiwwan quubsaa argate. Kana malees, jaalala, kabajaa fi gargaarsa Dhugaa Baatonni Yihowaa waliif godhan yommuu argu garaan isaa ni tuqame. Bara 1994​tti kan cuuphame yeroo taʼu, bara 2011​tti immoo Naataaliyaa waliin gaaʼela dhaabbatan.

Himata

Waxabajjii 27, 2019​tti abbootiin taayitaa Vitaalii irratti himata yakkaa banani. Ebla 9, 2020​tti immoo Poolisoonni seera kabachiisan mana isaa dhaqanii qorannaadhaaf isa fuudhanii deeman. Achittis, saʼaatii afurii oliif qoratameera.

Vitaaliin tarree namoota finxaaleyyii federaalli baase keessatti galmeefamee jira. Kanaan kan kaʼes, maallaqa baankiitii qabu fayyadamuu hin dandaʼu. Jiʼa lamaa booda, hojii isaa akka dhaabu dhiibbaan irratti godhameera. Haalli kun wanta maatii isaatiif barbaachisu dhiheessuun akka isatti ulfaatu godheera.

Yihowaan wantoota maatii Vitaaliif barbaachisan dhiheessuu isaa itti fufeera. Vitaaliin akkana jedheera: “Yihowaan karaa hafuuraa, miiraa fi qaamaa nu kunuunsaa jira. Qorumsawwan nu irra gaʼan hunduma akka dandamannu, tasgabbii akka qabaannuu fi gammadoo akka taanu waan nu gargaareef maatiin koo hundi Yihowaa baayʼee ni galateeffata.”

Vitaaliin haala rakkisaa kana keessatti jabaatee akka dhaabbatu wanta isa gargaare yeroo dubbatu akkana jedheera: “Yeroo hunda waaqeffannaa irratti argamuun koo hariiroon Yihowaa wajjin qabu akka cimu godheera. Yihowaan caalaatti naaf dhugoomeera. Haalli akkamii iyyuu yoo uumame isatti amanamuu akkan qabu baradheera.” Vitaaliin maatii isaa waliin waaqeffannaa maatii irratti hirmaachuu dabalatee, walgaʼiiwwan gumii irratti, tajaajila irratti, akkasumas barsiifata kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuu qaba ture. Akkana jedheera: “Barsiifata kana hunda utuun hin qabu taʼee, Yihowaatti amanamuus taʼe rakkoowwan kana hunda hin dandamadhun ture.”

Murtii dhimma Vitaalii irratti kennamu yommuu eegnutti isaaf kadhachuu keenya itti fufna. Yihowaan,‘inni humna nuuf kennu,’ obbolootaa fi obboleettota keenya Raashiyaa ija jabinaan ariʼatama dandamachaa jiran cimsuu isaa akka itti fufu ni amanna.—Filiphisiyus 4:13.