FULBAANA 8, 2020
RAASHIYAA
Obboleessi Keenya Yeegoor Baaraanoovii fi Obboleettiin Keenya Daaryaa Duloovaan Amantii fi Ija Jabina Argisiisan
Obboleessi keenya Yeegoor Baaraanoovii fi obboleettiin keenya Daaryaa Duloovaan warri Raashiyaa keessatti argaman yakkamtoota jedhamanii hidhaan waggoota dheeraa isaanitti murteeffamuu kan dandaʼu taʼus, ija jabeeyyii taʼanii itti fufaniiru. Obboleessi keenya Baaraanoov inni mana murtiitti utuu hin dhihaatin hidhamee jiru yeroo ammaatti umuriin isaa waggaa 19 dha. Abbootiin taayitaa mana obboleettii keenya Duloovaa yeroo sakattaʼanitti umuriin ishii waggaa 18 ture. Isaan obbolootaa fi obboleettota Raashiyaa keessatti sababa amantii isaaniitiin himataman 380 ol keessaa warra umuriidhaan xiqqoo taʼani dha.
Obboleessi keenya Baaraanoov Caamsaa 27, 2020 eegalee mana murtiitti utuu hin dhihaatin hidhamee jira. Obboleettiin keenya Duloovaan immoo dhimmoota yakkaa garaa garaa lama irratti murtii ishiidhaaf kennamu eegaa jirti. Rakkinni hedduun isaan irra gaʼaa kan jiru taʼus lamaan isaanii iyyuu Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii itti fufuuf kutataniiru.
Poolisoonni Tajaajila Nageenyaa Fedaraalaa (FSB) meeshaa hidhatan, Caamsaa 27 mana obboleessi keenya Baaraavoon haadha isaa wajjin keessa jiraatu sakattaʼan. Gaafuma sana Abbaan Murtii Aleeksii Shaatiloov jedhamu obboleessi keenya namoota Dhugaa Baatota Yihowaa naannoo sana jiran “geggeessan keessaa tokko” waan taʼeef akka hidhamu ajajeera.
Obboleessi keenya Baaraanoov yeroo manni isaanii sakattaʼamaa turetti gara Yihowaatti kadhannaa erga dhiheessee booda akka tasgabbaaʼe dubbateera. “Namoota manicha sakattaʼaa turan keessaa tokko dhufaatii isaanii eegaa akkan ture itti dhagaʼameera” jedheera.
Obboleessi keenya Baaraanoov “Yihowaan haalli kun akka na irra gaʼu yoo heyyame dandamachuu nan dandaʼa jechuu dha” jedhee irra deddeebiʼee of yaadachiisaa akka ture dubbateera. Itti dabaluudhaanis akkana jedheera: “Waaqayyo akka na gargaaruu fi hafuura isaa akka naaf kennu cimsee kadhachuun koo akkan hin sodaanne na gargaareera. Yakkamaa akka hin taane waanan beekuufis amanannaa guutuun qaba. Ariʼatamni na irra gaʼaa kan jiru sababa amantii kootiitiin waan taʼeef, qalbii qulqulluun qaba.”
Obboleessi keenya Baaraanoov bakka hidhamee jiru keessatti miidhaan akka isa irra hin geenye dubbateera. Namoonni isaa wajjin hidhamanii fi naga qabeeyyii taʼan isa kabaju, akkasumas akka obboleessa isaanii quxisuutti isa ilaalu. Obboleessi keenya Baaraanoov “Isaan hidhamuu akkan hin qabne hubataniiru” jedheera.
Hagayya 1, 2018, poolisoonni mana obboleettiin keenya Duloovaan haadha ishii wajjin keessa jiraattu sakattaʼanii turan. Obboleettiin keenya Duloovaan manni isaanii sakattaʼamuun isaa fi hidhamuun ishii baayʼee kan ishii dhiphise taʼus amantiin ishii baayʼee cimaa akka taʼe dubbatteetti. “Yihowaadhaaf amanamtuu taʼee itti fufuu fi wanti kam iyyuu yoo dhufe hamma dhumaatti isa tajaajiluuf murteesseera” jetteetti.
Obboleettiin keenya Duloovaan himatamuu kan jalqabde Fulbaana 2019 Mana Murtii Magaalaa Kaarpiiniskii, Naannoo Isveerdilooviskiitti argamu keessatti ture. Obboleettiin keenya Duloovaan dhaddacha isa dhumaa irratti wanta nama gammachiisu warra kaanitti himuun waanuma jiru akka taʼe mana murtiitiif ibsiteetti. “Fakkeenyaaf, Waaqayyo dhiheenyatti lafa jannata akka taasisuu fi imimmaan gammachuu qofti akka jiraatu beeka. Maarree, misiraachoo gammachiisaa akkasii warra kaanitti himuu hin qabuu?” jetteetti.
Ija jabinaan deebii amansiisaa kan kennite taʼus Amajjii 27, 2020 yakkamtuu akka taate itti murteeffameera. Obboleettiin keenya Duloovaan waggaa tokkoof toʼannaa seeraa jala akka galtu itti murteeffameera. Abukaatoon ishiis ol iyyannoo dhiheessee ture.
Hagayya 6, 2020, Manni Murtii Naannoo Isveerdilooviskii murtiin kana dura ishiitti murteeffame akka haqamu godheera. Dhimmi kun Abbaa Murtii kan biraatiin akka ilaalamuuf gara Mana Murtii Magaalaa Kaarpiiniskii jiruttis akka deebiʼu godheera. Dhimmi isaa garuu yoom akka ilaalamu hamma yoonaatti hin murteeffamne. Murtii ishii utuma eeggachaa jirtuu, himata lammaffaa ishii, haadha ishii fi Dhugaa Baatota kaan sadii irratti baname irraa walaba taʼuu ishii mirkaneessuuf yaalii gochaa jirti.
Obboleessi keenya Baaraanoovii fi obboleettiin keenya Duloovaan rakkoowwan isaan irra gaʼan irraa wantoota hedduu barataniiru.
Obboleettiin keenya Duloovaan wanta ishii gargaare akkana jechuudhaan ibsiteetti: “Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan, walgaʼiiwwan gumiitiif qophaaʼuudhaan, akkasumas faarfannaawwan Mootummichaa shaakaluudhaan hariiroo Yihowaa wajjin qabdan cimsadhaa. Caqasoota Kitaaba Qulqulluu waaʼee wantoota isin dhiphisanii akka hin yaannee fi wantoota raawwatamuu fi dhiisuun isaanii hin beekamne akka hin sodaanne isin gargaaran irratti xiinxalaa.”
Obboleessi keenya Baaraanoov akkana jedheera: “Haalawwan akkasii dandamachuuf, Waaqayyoo wajjin hariiroo cimaa qabaachuun isin barbaachisa. Yeroo keessan gubuu mannaa ammumaa michummaa Yihowaa wajjin qabdan cimsadhaa.”
Kitaabni Qulqulluun fakkeenyota Yihowaan dargaggoonni onnatoo fi ija jabeeyyii akka taʼan gargaaruu isaa ibsan hedduu qabateera. Yihowaan dargaggoota jaallatamoo Raashiyaa keessattii fi kutaalee addunyaa kan biroo keessatti ariʼatamni isaan irra gaʼaa jiru deeggaruu isaa akka itti fufu amanannaa guutuu qabna.—1 Saamuʼel 1:20; 16:18; 2 Mootota 5:1-3; Daaniʼel 1:14-17; 3:17-27.