Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessi keenya Yeevgeenii Ispiiriin kutaa mana murtii keessa jiru keessa dhaabatee utuu jiruu

ADOOLESSA 9, 2020
RAASHIYAA

Obboleessi Keenya Yeevgeenii Ispiiriin Waggaa Torbaaf Raashiyaa Keessatti Hidhamuu ni Dandaʼa

Obboleessi Keenya Yeevgeenii Ispiiriin Waggaa Torbaaf Raashiyaa Keessatti Hidhamuu ni Dandaʼa

Naannoo Ivaanoovaa jedhamu keessatti manni murtii magaalaa Furmaanooviskii keessatti argamu Adoolessa 14, 2020 dura dhimma obboleessa keenya Yeevgeenii Ispiiriin irratti murtii ni dabarsa. Abbaan alangaa Obboleessi keenya Ispiiriin waggaa torba akka hidhamu gaafateera.

Obboleessi keenya Ispiiriin inni umuriin isaa waggaa 34 taʼe sochiiwwan jaarmiyaa “mankaraarsitootaa” qindeessiteetta jedhamuudhaan himatameera. Himanni Nageenya Fedaraalaa (FSB) biyyattii irraa isa irratti baname Amajjii 21, 2019 jalqabe. Guyyoota jaʼa boodas FSBnoonni mana Obboleessa keenya Ispiiriin fi haadha manaa isaa Naataaliyaa sakkataʼaniiru. Manni murtii Godina Oktaabariskii naannoo Ivaanoovaa jedhamtu keessatti argamu obboleessi keenya Ispiiriin Dhugaa Baatuu Yihowaa waan taʼeef qofa, jiʼoota lamaaf mana hidhaa isa galchaniiru. Yeroo boodas turtiin isaa akka dheeratu godhameera.

Erga mana hidhaa sana keessatti guyyoota 160f hidhamee booda, Adoolessa 5, 2019 hiikamuudhaan mana isaa keessatti akka hidhamu godhameera. Mudde 18, 2019itti Manni murtii Godina Oktaabariskii naannoo Ivaanoovaa jedhamtu keessatti argamu namoonni sun kan morman taʼus mana keessatti hidhamuu irraa bilisa akka baʼu godheera. Dhorkaan isaan kaaʼan kan biraanis hin jiru.

Yihowaan inni abbaa keenya isa samii fi jaalala qabeessa taʼe obboloota keenya Raashiyaa keessatti sababa amantii isaaniitiin ariʼatamni isaan irra gaʼu gargaaruu isaa akka itti fufu amanuudhaan ni kadhanna.—1 Pheexiros 4:14.