Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa keenya Yeevgeenii Yookkuu fi haadha manaa isaa Iiriinoo

CAAMSAA 17, 2021
RAASHIYAA

Obboleessi Keenya Yeevgeenii Yookkuun Yeroo Mana Murtiitti Dhihaatu Hundatti Ogummaa Yihowaatti Amanameera

Obboleessi Keenya Yeevgeenii Yookkuun Yeroo Mana Murtiitti Dhihaatu Hundatti Ogummaa Yihowaatti Amanameera

ODEEFFANNOO HAARAA | Manni Murtii Raashiyaa Obboleessi Keenya Yeevgeenii Yookkuun Yakkamaa Akka Taʼe Murteesse

Adoolessa 19, 2021, Manni Murtii Godinaa Saaloomboolisikii inni magaalaa Oorhoongiyeliskiitti argamu Obboleessa Keenya Yeevgeenii Yookkuun yakkamaa akka taʼe murteesse, akkasumas ruubeelii 850,000 ($11,394 U.S.) isa adabe. Yeroo kanatti mana hidhaa galuun isa hin barbaachisu.

Guyyaa Murtiin Itti Kennamu

Manni Murtii Godinaa Saaloomboolisikii inni magaalaa Oorhoongiyeliskiitti argamu dhiheenyatti himata obboleessa keenya Yeevgeenii Yookkuu wajjin wal qabatee dhihaate irratti murtii dabarsa jedhamee eegama. a Hidhaan waggaa 15 isatti murteeffamuu dandaʼa.

Ibsa Gabaabaa

Yeevgeenii Yookkuu

  • Bara Dhalootaa: 1980 (Ganda Soosnaaviyeetis, Riippabliika Kaariiliiyaa)

  • Seenaa Jireenyaa: Yeroo umurii waggoota kurnanii keessa turetti, raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu raawwatamuun isaanii baayʼee isa dinqisiisee ture. Bara 2006⁠tti cuuphamee Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼe. Mana barumsaa biiznasii (business school) barachuuf jecha magaalaa Aarhaangiliski dhaqee jiraachuu jalqabe. Bara 2007⁠tti Iiriinoo wajjin gaaʼela godhatan. Imala gochuu fi sochiiwwan manaa alatti taasifaman irratti hirmaachuun isaan gammachiisa

Himata

Ganama Guraandhala 18, 2019, abbootiin taayitaa Raashiyaa mana obboleessa keenya Yeevgeenii Yookkuu sakattaʼan, achiis sochii finxaalessummaa akka taʼe yaadan irratti hirmaatteetta jedhanii isa qaban. Ajajaan poolisii naannoo sanaas Yeevgeenii mana hidhaa galche. Achittis guyyaa lamaaf hidhame. Michoonnii fi maatiin isaa garuu bakka kamitti akka hidhame hin beekan turan.

Yeevgeeniin erga gadhiifamee booda, abbootiin taayitaa galgala mana isaatii akka hin baane, mana isaatti walgaʼii akkamii iyyuu akka hin geggeessinee fi dhimma isaa bilbilaan, iimeeliidhaan ykn Intarneetiidhaan nama kamitti iyyuu akka hin dubbanne isa dhorkaniiru. Gara jiʼa torbaa booda, manni murtii dhorkaawwan tokko tokko isa irraa kaasuudhaan galgala mana isaatii baʼuu akka dandaʼu isaaf heyyameera.

Sadaasa 25, 2019, Yeevgeeniin sochiiwwan finxaalessummaa gurmeessiteetta jedhamee himatame. Yeroo booda immoo, himatawwan dabalataa isa irratti dhihaataniiru. Balleessaa akka qabu yoo mirkaneeffame hidhaan waggaa 15 isatti murteeffamuu dandaʼa. Himata isa irratti dhihaateen kan kaʼe Yeevgeeniin hojii isaa dhabeera, maallaqni inni baankiidhaa qabu akka hin sochoone dhorkameera, akkasumas konkolaataawwan isaa lama mootummaadhaan jalaa fudhatamaniiru.

Yeroo rakkisaa taʼe kana hundatti, Yeevgeenii fi Iiriinoon amanannaan isaan Yihowaa irratti qaban caalaatti cimeera. Iiriinoon akkana jetteetti: “Yihowaan kadhannaawwan ani dhiheesseef akkamitti deebii akka naaf kenne, akkasumas anaa fi Zyeenyaa [Yeevgeenii] akkamitti akka nu kunuunsaa jiru yommuun argu, galateeffannaa guddaa natti dhagaʼamu jechaan ibsuun baayʼee natti ulfaata.”

Fakkeenyaaf, Iiriinoon Yihowaan abbaa manaa ishiitiif garaa tasgabbaaʼee fi mana murtii duratti yommuu dhihaatu dandeettii amantii isaa akka gaariitti ibsuu akka isaaf kennu kallattiidhaan caqastee kadhattee turte. Yeevgeeniinis kadhannaa wal fakkaatu dhiheessee ture. Akkana jedheera: “Yeroon koree qorannoo geggeessu ykn himata dhagaʼu bira dhaqu hundatti Yihowaan ogummaa akka naaf kennu nan kadhadhan ture.” Yihowaanis kadhannaa isaatiif deebii akka kenne isatti dhagaʼama. “Wanta baayʼee dubbachuu baadhus, wantan jechuu qabu dubbadheera” jedheera. Itti fufuudhaanis akkana jedheera: “Yihowaan akka na hin gatnee fi kadhannaa ani dhiheesse hunda karaa akka gaariitti ifatti mulʼatuun akka naaf deebise natti argisiiseera. Amma, Yihowaan na gargaaraa akka jiru jireenya koo keessatti caalaatti argaan jira.”

Yeevgeeniin murtii manni murtii dabarsu yeroo eeggachaa jiru kanatti, Yihowaan “garraamummaa fi ulfina guddaadhaan” amantii isaatiif akka falmu ija jabina isaaf kennuu isaa akka itti fufu amanannaa guutuu qabna.—1 Pheexiros 3:15.

a Guyyaan murtiin itti kennamu yoom akka taʼe yeroo hunda beekuun hin dandaʼamu.