Dhimma ijoo ta'etti seeni

GURAANDHALA 18, 2020
RAASHIYAA

Obboleessi Keenya Yivigenii Aksenoov Raashiyaa Keessatti Yakkamaa Taʼee Waan Ilaalameef Murtiin Waggaa Lamaa Yeroo Booda Hojii Irra Ooluu Dandaʼu Isatti Murteeffame

Obboleessi Keenya Yivigenii Aksenoov Raashiyaa Keessatti Yakkamaa Taʼee Waan Ilaalameef Murtiin Waggaa Lamaa Yeroo Booda Hojii Irra Ooluu Dandaʼu Isatti Murteeffame

Guraandhala 18, 2020⁠tti Manni Murtii Godina Zyelezinoodoorozyinii, Habaaraviskii, Raashiyaa keessatti argamu Obboleessa keenya Yivigenii Aksenoovitti hidhaa waggaa lamaa yeroo booda hojii irra ooluu dandaʼu isatti murteesseera. Waggoota kana lamaan gidduutti Obboleessi keenya Aksenoov bakka jireenyaa isaa yoo jijjiire ykn yakka kan biraadhaan yoo himatame mana hidhaatti ergama. Jiʼoota jaʼan jalqabaatti ilaalchi kan isaaf godhame yeroo taʼu, jiʼa jiʼaan deemee abbootii taayitaa biratti galmaaʼuu qaba. Dabalataanis, yeroo ilaalcha jala jiru kanatti magaalaa isaa Habaaraviskii keessaa baʼuunis taʼe galgala galgala mana isaatii baʼuun isaaf hin heyyamamu. Obboleessi keenya Aksenoov murtii kana ilaalchisee ol iyyannoo ni dhiheeffata.