Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Konistaantin Moosiyeenkoo fi haadha manaa isaa Maargaaritaa

ADOOLESSA 7, 2021
RAASHIYAA

Obboleessi Konistaantin Moosiyeenkoon Fakkeenya Warra Kaanii Irra Jabina Argateera

Obboleessi Konistaantin Moosiyeenkoon Fakkeenya Warra Kaanii Irra Jabina Argateera

ODEEFFANNOO HAARAA | Manni Murtii Raashiyaa Ol Iyyannoo Fudhachuu Dide

Fulbaana 9, 2021, Manni Murtii Naannoo Amuur ol iyyannoo Obboleessi Konistaantin Moosiyeenkoon dhiheesse fudhachuu dide. Murtoon jalqaba itti murtaaʼe hojii irra oola. Yeroo kanatti mana hidhaa galuun isa hin barbaachisu.

Adoolessa 14, 2021, Manni Murtii Konyaa Zayiskii inni naannoo Amuuritti argamu Obboleessa Konistaantin Moosiyeenkoon yakkamaa akka taʼe kan murteesse yommo taʼu, daangaa waggaa jaʼaa itti murteesseera. Yeroo kanatti mana hidhaa galuun isa hin barbaachisu.

Ibsa Gabaabaa

Konstaantin Moosiyeenkoo

  • Bara Dhalootaa: 1976 (Abaakaan, Ripablikii Hakaasiyaa)

  • Seenaa Jireenyaa: Obboloota quxusuu lakkuu taʼan qaba. Dargaggeessa yeroo turetti Maarshaal aartii barateera. Boodas toʼataa siiyistamii Kompiitaraa fi injinarii meeshaawwan suphu taʼe hojjeteera.

    Bara 1998 Maargaaritaa ishii hojii faashinii dizaaynii gochuu hojjettu fuudhe. Bara 2000ti lamaan isaanii Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqaban. Seenaan Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu dhugaa taʼun isaa fi saayinsii wajjin kan wal simu taʼun isaa Konistaantin dabalataan barachuuf isa kakaaseera. Innii fi haati manaa isaa wagguma sana cuuphaman.

    Waggaa kudhan booda abbaan isaa ni duʼe. Akkoon isaa ishiin qaro dhabeeyyii taate dhiheenya kana hamma duutetti ishii kunuunsaa ture.

Himata

Bitootessa 11, 2019, Poolisoonni Nageenya Fedaraalaa (FSB) naannoo Amuur, obboleessa Konstaantin Moosiyeenkoo irratti himata yakkaa banan. Achiis poolisoonni mana obboleessa Konistaantin dabalatee manneen Dhugaa Baatotaa shan cabsanii seenan. Abbootiin taayitaa laaptooppii, bilbilaa fi dookmantii dhuunfaa fudhatan. Konistaantin Federeeshinii Raashiyaatti finxaalleyyii keessaa akka isa tokkotti lakaʼame. Kun immoo akkaawuntii baankii isaa keessaa qarshii baafachuu akka hin dandeenye isa taasisa.

Muuxannoo nama jajjabeessuu fi haadha manaa isaa wajjin walgaʼii naannoo Siiʼoli, Kibba Kooriyaatti bara 2018 godhame irratti argamuudhaan argate ni yaadata. Walgaʼii kana irratti obboleessi haasaa kennu tokko obboloota walgaʼii irratti argaman keessaa siyaasa irratti hirmaachuu didu isaaniitiin kan kee kan hidhaman akka ol kaʼan gaafate. Konistaantin akkas jedheera: “obboloonni staadiyamii keessatti argaman hundi isaanii jechuuf ni danda‵ama ol kaʼan. [Obboleessi haasaa dhiheessus] agartanii lubbuudhaan jiru haala gaarii irras jiru jedhe.” Kunis qorumsa keessatti jabaatanii dhaabbachuun akka dandaʼamu naaf mirkaneesse. Kana malees obboleessi haasaa dhiheessu Faarfannaa 23:5 isa “diinota koo duratti maaddii naaf qopheessita. Mataa koo zayitiidhaan jiista; xoofoon koo guutee irraa dhangalaʼa” jedhu ibse. Konistaantin yaadni kun garaa isaani xuqe akka ture ni yaadata.

Konistaantin deggersa waldaan obbolummaa isaaf godhu baayʼee dinqisiifata. Dhugaa Baatonni addunyaa maratti argaman himata isa irratti dhihaateef xiyyeeffannaa akka kennanii fi akka isaaf kadhatan waan beekuuf baayʼee dinqisiifata. Akkas jedheera: “Namoonni hidhata amantii keenya taʼan hedduun obbolootaa fi obboleettota biyya kana keessatti ariʼatamni irraa gaʼaa jiru cina dhaabbatanii akka jiran nan hubadha. Obboloonni hidhata amantii keenya taʼan kun yaada 1 Yohaannis 3:16 irra jiruu fi ‘nutis obboloota keenyaaf lubbuu keenya dabarsinee kennuuf dirqamni nu irra jira’ jedhu wajjin wal simanii deddeebiʼa jiru.”

Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenyaa Raashiyaa jiran jabeessu isaa akka itti fufe yommuu dhageenyu baayʼee gammadna. Kunis amanannaa ariʼatamni wal fakkaatu yommuu nu mudatu “jabinaa fi humna” akka nuuf kennu qabnu nuuf cimsa.—Faarfannaa 68:35.