Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessi Konstaantiin mana hidhaa Raashiyaatii erga gadi dhiifame guyyaa kudha afur booda, haadha manaa isaa Irinaa wajjin wal argeera. Kan wal arganis Caamsaa 19,2021 Yuukreen erga gaʼe booda dha.

Caamsaa 20, 2021
RAASHIYAA

Obboleessi Konstaantiin Baazheenoov Raashiyaatii Erga Ariʼamee Booda Nagaan Yuukreenii Gaʼeera

Obboleessi Konstaantiin Baazheenoov Raashiyaatii Erga Ariʼamee Booda Nagaan Yuukreenii Gaʼeera

Obboleessi Konstaantiin Baazheenoov Caamsaa 5, 2021 mana hidhaa Raashiyaatii gadi dhiifame. a Yeroodhaaf erga hidhamee booda Caamsaa 19, 2021 gara Yuukreenitti ariʼame. Haati manaa isaa Irinaan yommuu inni achi gaʼu isa simachuuf dursitee deemtee isa eegdeetti. Konstaantiin kan ariʼame abbootiin taayitaa Caamsaa 2020 lammii Raashiyaa ta‵uu isaa waan jalaa haqaniifi.

Obboleessi Konstaantiin Bazheenoovii fi haati manaa isaa Irinaan daangaa Yuukreenii erga qaxxaamuranii booda hiriyoonni gaaʼelaa yaada Isaayyaas 54:17 irra jiruu fi “Meeshaan waraanaa si balleessuuf tolfamu kam iyyuu milkaaʼina hin argatu, jedha Yihowaan” jedhu qabatanii nagaa isaan gaafatan.

Ibsa Gabaabaa

Konstaantiin, magaalaa Veliikiy Noovgoorood dhiha Raashiyaatti argamuutti bara 1975 dhalate. Maatiin isaa amantaa kam iyyuu hin hordofan. Yeroo ijoolle turetti maatii isaa wajjin Yuukreenii jiraachuu jalqaban. Konstaantiin yeroo dargaggeessa turetti jimnaastika hojjeta ture muuziqaa dhaggeeffachuus ni jaallata ture. Mana barumsaa muuziqaatii kan eebbifame yeroo taʼu sana boodas hogganaa garee muuziqaa biraas baandi taʼe.

Konstaantiin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu isaa dura iyyuu hammeenyi fi waraanni dogoggora akka taʼe amana ture. Kanaafuu yommuu waraana Yuukreenii keessatti tajaajila loltummaa akka kennu gaafatame tole hin jenne. Yeroo koolleejii ture, jireenyaa fi amantaa ilaalchisee gaaffii qaba ture. Gaaffii isaaf deebii argachuuf amantaa garaa garaa kan ilaale yeroo taʼu deebii isaas yommuu Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabe argateera. Bara 1996 cuuphame.

Bara 2001 immoo Irinaa wajjin gaaʼela godhatan. Ofii isaa fi haadha manaa isaa Irinaa hojii ijaarsaa keessumaammoo hojii midijjaa fi bakka ibidda hoʼifatan hojjechuudhaan deggera. Bara 2009 Raashiyaa jiraachuu jalqaban.

Sakattaʼinsaa fi Hidhaa

Waxabajjii 12, 2018, poolisoonni Raashiyaa meeshaa hidhatan Saaraatoviitti appaartaamaa Konstaantiinii fi Irinaan keessa jiraatan dabalatee manneen Dhugaa Baatota Yihowaa torba sakattaʼaniiru. Konstaantiinii fi obboloonni lama Saaraatoviidhaa qabamaniiru, akkasumas mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiifamu galaniiru.

Konstaantiin akkuma mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisan gaʼeen jajjabinni fi deggersi Dubbii Waaqayyo irraa argamu akka isa barbaachisuu beeka ture, taʼus Kitaaba Qulqulluu argachuu hin dandeenye. Konstaantiin wanta yaadatu yommuu dubbatu akkas jedheera: “Haati manaa koo yaadannoo naa ergite anis guyyaa guyyaadhaan caqasootan yaadadhun barreessa ture.” Jiʼa lama keessatti Yihowaan caqasoota 500 akka yaadatu isa gargaareera! Kitaaba Qulqulluu yeroo argatettis jiʼa afur gidduutti guutumaa isaa dubbise. Dubbiin Waaqayyoos baayʼee isa jabeesseera.

Konstaantiin yeroo mana hidhaa hanga murtiitti dabarsu akka dandamatuuf, keessumaa yommuu kophummaan isatti dhagaʼamuu fi haadha manaa isaa yaadu kadhannaa siʼa baayʼee Yihowaatti dhiheessa ture. Akkas jedheera: “Yommuun kadhadhu jilbeenfadheen booʼa ture. Wantan kadhannaa koo irratti Waaqayyoon gaafadhe waraqaa irratti barreessuufan murteesse. Achiis isan deebii isaa argadhe irratti mallattoon godha ture. Yihowaan baayʼee natti dhihoo akka taʼe mirkanaaʼaa taʼeera.” Mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisanii Caamsaa 2019 gadi dhiifame. Rakkinni isa mudate garuu achumaan hin xumuramne.

Murtii

Konstaantiinii fi obboloonni kan biroon shan Saaraatoviidhaa yakkamtoota akka taʼanii fi akka hidhaman Fulbaana 19, 2019 itti murtaaʼeera. Ol iyyannoon isaan dhiheessan erga fudhatama dhabee jiʼa muraasa booda Obboloonni shanan mana hidhaa Ooranbargi jirutti jijjiiramaniiru. Konstaantiin mana isaa Saaraatovdhaatti argamuu fi haadha manaa isaa irraa gara Kiiloo Meetira 500 fagaatee mana hidhaa Diimiitroovgraad jirutti ergame.

Konstaantiin ayyaana yaadannoo 2020 mana hidhaatti kabaje

Irinaan, Konstaantiin irraa adda baatee yeroo turtetti oduu Dhugaa Baatota Yihowaa isa muuxannoo obbolootaa fi obboleettota ariʼatama gammachuudhaan dandamatanii ibsu dubbisuudhaan jajjabina argateetti. Dabalataanis Irinaan kutannoo fi nagaa Konstaantiin qabu ishii jajjabeesseera. Gaafannoo utuu Konstaantiin mana hidhaa jiru godhameef irratti akkas jeteetti: “Inni yeroo hundumaa ilaalcha gaarii qaba ture!” yommuu Konstaantiiniif akka bilbiltu ishiif heyyamamuu waliin faarfannaa faarfatu, kadhannaas waliin kadhatu akkasumas waliin qoʼatu. Mareen Kitaaba Qulqulluu irratti godhan amantii Yihowaa irratti qabdu akka ishiif cimsee fi haala keessa jirtu keessatti gammachuu akka qabaattu ishii gargaaruu isaa dubbatteetti.

Konstaantiin amantii isaan kana kaʼe mana hidhaa hanga murtiitti tursiisan keessa naannoo jiʼa 14 xinnoo kan caalu, mana hidhaa keessa immoo gara waggaa tokkoo fi walakkaa hidhameera. Murtoo waggaa sadii fi walakkaa akka hidhamu itti murtaaʼe jiʼa sagal dursee gadi dhiifame. Sababiin isaas yeroon mana hidhaa hanga murtiitti waggaa tokkoo fi walakkaaf hidhame waan lakaʼameefi. Dabalataanis dursee akka gadi dhiifamu waan isaaf heyyamameef hidhaan jiʼa lama isaaf hir‵ateera

Konstaantiin hiikamuu isaattii fi Irinaan wajjin wal arguu isaatti ni gammanna. Obboloonnii fi obboleettonni keenya jaalatamoon ariʼatama dandamachaa jiran yaada Daawit mootichi, ‘Hamma rakkinni darbuttis gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu nan gala’ jechuudhaan dubbate akka hojii irra oolchan argisiisaa jiru.—Faarfannaa 57:1.

a Konstaantiin yommuu mana hidhaatii gadi dhiifame Irinaa fi obboloonni 20 taʼan bakka biyyaa baafamuu isaa dura itti hidhamu deemuu isaa dura nagaa isa gaafachuuf isa eegaa turan. Abbootiin taayitaa Konstaantiin bakka yeroodhaaf itti hidhamu deemuu isaa dura namaa isa eegu ramadanii haadha manaa isaa wajjin daqiiqaa 30 akka wal argu heyyamaniiru.