Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Maaksiim Beeltikoon

FULBAANA 24, 2021
RAASHIYAA

Obboleessi Maaksiim Beeltikoon Sochii Hafuuraa Gochuudhaaan Jabina Argateera

Obboleessi Maaksiim Beeltikoon Sochii Hafuuraa Gochuudhaaan Jabina Argateera

ODEEFFANNOO HAARAA | Manni Murtii Raashiyaa Obboleessi Maaksiim Beeltikoon Yakkamaa Akka Taʼe Murteesse

Amajjii 17, 2022,Manni Murtii Koonyaa Paavilooviskii kan Naannoo Kiraasnoodaar Obboleessi Maaksiim Beeltikoon yakkamaa akka taʼe murteesse. Akkasumas hidhaa waggaa lamaa itti murteesse. Murtiin itti darbes yerooma sanaa kaasee hojii irra oola.

Chaartii Yeroo

  1. Waxabajjii 29, 2020

    Bakka jireenyaa isaatii akka hin sochoone dhowwame

  2. Waxabajjii 23, 2020

    Himanni yakkaa irratti baname. Himanni isaa akkas kan jedhu ture: “Walgaʼii barumsi amantii irratti dhihaatu irratti hirmaateera, “barreeffamoota amantii irratti hundaaʼee barumsa dhihaatu geggeesseera, dhaggeeffateera” yaada jedhu dabalata

  3. Ebla 29, 2020

    Aangawoonni mana Maaksiim sakattaʼan. Sana booda ni qoratame

Ibsa Gabaabaa

Obboloonnii fi obboleettonni keenya Raashiyaa jiran sochii hafuuraa godhanii fi jaalala obboloonni isaanii isaanitti argisiisaniin jabaatanii akka dhaabatan abdii qabna. ‘Waaqni nagaa’ obboloota keenya jaallatamoo kanaa wajjin taʼuu isaa akka itti fufu ni abdanna.—2 Qorontos 13:11.