Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaadhaa gara mirgaatti: Obboleessa Roomaan Maarkiinii fi Viiktoor Troofiimoov hidhamuu isaanii dura

AMAJJII 17, 2020
RAASHIYAA

Obboleessi Maarkiinii fi Troofiimoov Waggaa Jaʼaa fi Walakkaa Isaanitti Murtaaʼuu Dandaʼa

Obboleessi Maarkiinii fi Troofiimoov Waggaa Jaʼaa fi Walakkaa Isaanitti Murtaaʼuu Dandaʼa

Obboleessa Roomaan Maarkiinii fi Viiktoor Troofiimoov ilaalchisee Amajjii 22, 2020, murtiin akka kennamu eegama. Himanni isaan irratti dhihaate, manni murtii waggaa jaʼaa fi walakkaa akka isaanitti murteessu gaafata.

Ariʼatamni obboloota kana kan jalqabame, Caamsaa 18, 2018 yommuu poolisoonni addaa meeshaa hidhatanii fi fuula isaanii haguuggatan mana isaanii isa magaalaa Poolyaarnii, Raashiyaatti argamu cabsanii seenanitti ture. Poolisoonni halkan walakkaa mana obboleessa Maarkiin dhaqanii balbala mana isaa cabsan. Poolisoonni kun obboleessa Maarkiin meeshaa ammayyaatiin erga sossodaachisanii booda, yommuu isaan mana isaa sakattaʼan lafa irra akka ciisu dirqisiisan. Intalli Maarkiin ishiin umuriin ishii waggaa 16 taʼes, yommuu isaan cabsanii seenan achi kan turte siʼa taʼu, harka ishiitiin mataa ishii qabatee lafa irra ciibsamtee turte.

Dabalataanis galgala sana Poolyaarniitti mana obboloota afurii cabsanii seenaniiru. Poolisoonni kun Obboleessa Maarknii fi Troofiimoov dabalatee, obbolootaa fi obboleettota kudha lamaa ol qoruuf buufata poolisiitti geessaniiru. Achiis, Manni Murtii Koonyaa Poolyaarnii inni Muurmaanskitti argamu obboleessi Maakiinii fi Troofiimoov hanga murtiin isaaniif kennamutti mana hidhaa akka turan murteesse. Obboloonni kun jiʼa jaʼaaf mana hidhaa erga turanii booda, jiʼa afuriif manaa akka hin baane dhorkamaniiru. Guraandhala 7, 2019, manni murtichaa manaa akka hin baane dhorkaa isaan irratti godhame irraa bilisa isaan baase. Manaa baʼuu kan dandaʼan taʼus, hanga murtiin isaaniif kennamutti, fagaatanii akka deeman ykn warra kaan wajjin bilisaan akka wal qunnaman hin heyyamamuuf ture.

Raashiyaatti Dhugaa Baatonni gara 300 taʼan himanni yakkaa isaan irratti dhihaateera. Jaalala Yihowaa irraa adda kan isaan baasu akka hin jirre waan amannuuf, hundi isaanii ija jabeeyyii fi cimoo taʼanii akka itti fufan ni kadhanna.—Roomaa 8:38, 39.