Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Ruusleen Aliyeev, haadha manaa isaa Kiristiinaa wajjin Fulbaana 16, 2020 mana murtii fuulduratti

MUDDEE 16, 2020
RAASHIYAA

Obboleessi Ruusleen Aliyeev Jiʼa 18 Mana Isaatti Erga Hidhamee Booda Yakki Itti Murtaaʼuu Dandaʼa

Obboleessi Ruusleen Aliyeev Jiʼa 18 Mana Isaatti Erga Hidhamee Booda Yakki Itti Murtaaʼuu Dandaʼa

Guyyaa Murtii

Muddee 17, 2020, a Manni Murtii Koonyaa Leeniinskii inni Roostoov-oon-Doon jiru, dhimma Obboleessa Ruusleen Aliyeev irratti murtii kennuuf karoorfateera. Abbaan alangaa Ruusleen waggaa sadiif dhorkaa tokko tokko jala akka turu mana murtii gaafateera.

Ibsa gabaabaa

Ruusleen Aliyeev

  • Bara Dhalootaa: 1987 (Chuunooyaar, Naannoo Kiraansnooyaarskii)

  • Seenaa Jireenyaa: Maatiin isaa takka takka Azarbaajaan, takka takka immoo Yuukreen keessa jiraatu. Gimbanyaa, gorsaa gurgurtaa, barsiisaa gitaaraa, akkasumas barsiisaa afaan Ingilizii fi afaan Chaayinaa taʼee hojjeteera. Ispoortii hojjechuu, walaloo barreessuu fi muuziqaa taphachuu jaallata. Afaanota afur ni dubbata. Haati manaa isaa Kiristiinaanis afaan Chaayinaa ni dubbatti

    Waggaa 13⁠tti Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi qoʼachuu eegale. Caalaatti qoʼachaa yommuu deemu Kitaabni Qulqulluun gaaffii inni jireenya ilaalchisee qabu hundumaaf deebii akka qabu hubate. Kun bara 2006⁠tti of murteessee akka cuuphamu isa kakaase

Himata

Waxabajjii 6, 2019, himanni yakkaa obboleessa Ruusleen Aliyeev irratti kan dhihaate siʼa taʼu, kun Waxabajjii  10, 2019 akka mana hidhaa galu taasise. Saʼaatii 24 erga hidhamee booda Ruusleenii fi obboleessi kan biraan Seemyoon Baaybaak jedhamu mana isaanitti akka hidhaman taasifame. Ruusleen jalqaba torban saddeet kan itti murtaaʼe taʼus, yeroon hidhamee itti turu al sagal dheereffameera. Kanaan kan kaʼes, jiʼa 18 manatti hidhameera. Ruusleen yeroo manatti hidhamee ture, abukaatoo isaa, nama isa qoru, poolisii tokkoo fi haadha manaa isaatiin alatti nama kam iyyuu qunnamuu hin dandaʼu ture. Xalayaa erguu fi fudhachuu dabalatee Intarneetii fayyadamuu hin dandaʼu.

Ruusleen hidhamuu isaa dura, innii fi haati manaa isaa Kiristiinaan ariʼatamni isaan irra gaʼuun isaa akka hin oolle yeroo baayʼee ni dubbatu turan. Ruusleen, “Sagantaa hafuuraa dhaabbataa qabaachuuf yaalii goona turre. Waaʼee ariʼatamaa Kitaaba Waggaa fi seenaa obboloota keenyaa irraa akka gaariitti beekneerra. Obboloonni keenya haala rakkisaa keessatti illee, abdii kutachuu mannaa gammadoo akka turan hubanneerra” jedheera. Itti dabalees akkas jedheera: “Wanta fuulduratti nu mudatu hunda dandamachuuf humna akka nuuf kennu Yihowaa ni kadhanna turre.”

Ruusleen ariʼatama fuulduratti isaan mudachuu dandaʼu ilaalchisee warra kaanii wajjin mariʼachuunis isa gargaareera. Akkas jedheera: “Babalʼistoota gumii keenya jiran tasgabbeessuu fi jajjabeessuuf Kitaaba Qulqulluu fi mata dureewwan nama jajjabeessan irratti qorannaa hedduu godheera. Achiis, yeroo jajjabinni na barbaachisetti caqasoonnii fi mata dureewwan ani qorannaa irratti gochuudhaan yaadatti qabadhe sun na jajjabeessaniiru.”

Ruusleenii fi Kiristiinaan ariʼatamaaf qophaaʼuudhaan fayyadamaniiru. Manni isaanii yeroo sakattaʼametti Ruusleen, “Tasgabbaaʼeen ture, homaa hin dhiphanne jechuus nan dandaʼa” jedheera. Yeroo sakattaʼuu sanatti, namni sakattaʼu sun Kiristiinaas yakkaan akka himatu sossodaachisee ture. Ruusleen, “Kiristiinaa koo yakkaan himatamuu akka dandeessu itti himamuun isaa ishii hin sodaachisne. Kun baayʼee na jajjabeessee fi na cimsee ture” jedheera.

Ruusleen manatti hidhamuun isaa rakkina guddaa isaan irraan gaʼeera. Taʼus akkas jedheera: “Wanta jireenyaa fi hariiroo isaa waliin qabnu eegnee itti fufuuf nu barbaachisu dabalatee wanta tasgabbaaʼuuf nu barbaachisu nuu kenneera, anis wantin eege kanuma ture. Nutis gama keenyaan yeroo dheeraaf isatti amanamaa fi wanta qabnutti gammannee jireenya salphaa jiraachaa turrerra. Kanaafuu garmalee hin dhiphanne.”

Yeroo Ruusleen manatti hidhamee turu dheeressuuf dhimmi isaa mana murtiitti ilaalamaa yeroo ture tokkotti, michoonni isaa akka ol seenan isaaniif hin heyyamamne. Haa taʼu malee, obboloonnii fi obboleettonni keenya mana murtii alatti walitti qabamanii yeroo inni baʼe harka rukutaniiru, akkasumas “Ruusleen si wajjin jirra!” jedhanii iyyaniiru.

Fakkeenya gaarii obboloonnii fi obboleettonni keenya Raashiyaa jiran nuuf taʼaniif baayʼee galateeffanna. Sababa tokko malee kan ariʼataman taʼus, Yihowaatti guutummaatti amanamuu isaanii itti fufaniiru.—Faarfannaa 118:6-9.

a Guyyaan isaa jijjiiramuu dandaʼa.