Dhimma ijoo ta'etti seeni

Obboleessa Sergee Leedeenyoov haadha manaa isaa Aanaa wajjin

SADAASA 20, 2020
RAASHIYAA

Obboleessi Sergee Leedeenyoov Raashiyaatti Waggaa Jaʼaaf Mana Hidhaa Galuu Dandaʼa

Obboleessi Sergee Leedeenyoov Raashiyaatti Waggaa Jaʼaaf Mana Hidhaa Galuu Dandaʼa

Guyyaa Murtii

Sadaasa 24, 2020, a Manni Murtii Naannoo Kaamchaatkaa inni Magaalaa Peetroopaavlooviskii-Kaamchaatsikiitti argamu dhimma Obboleessa Sergee Leedeenyoov irratti murtii kennuuf karoorfateera. Waggaa jaʼaaf hidhamuu dandaʼa.

Ibsa Gabaabaa

Sergee Leedeenyoov

  • Bara Dhalootaa: 1974 (Osooraa, Naannoo Kaamchaatkaa)

  • Seenaa Jireenyaa: Ijoollee jaʼa keessaa tokko dha. Fakkii fi suuraa kaasuu jaallata. Hojii ijaarsaa irratti gimbanyaa taʼee hojjeta akkasumas keessa manaa miidhagsa. Dhugaa Baatotaa wajjin qoʼachuu isaa dura Kitaabni Qulqulluun saayinsii wajjin kan wal hin simnee fi yeroon kan itti darbe akka taʼetti ilaala. Bara 2017⁠tti haadha manaa isaa Aanaa fuudhe. Aanaan akka jettetti, Sergeen qajeelfama Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuun isaa abbaa manaa tasgabbaaʼaa, namaaf yaaduu fi jaalala qabeessa akka taʼu isa gargaareera

Himata

Muddee 2, 2018 gareen poolisootaa meeshaa hidhatanii fi fuula haguuggatan tokko mana Obboleessa Leedeenyoov isa Peetroopaavlooviskii-Kaamchaatsikiitti argamu weeraran. Achiis toʼannaa jala kan oole siʼa taʼu, akka seera yakkaa Raashiyaa Lakkoofsa 282.2⁠tti himanni irratti dhihaate. Himanni yakkaa kun ilaalamuu kan jalqabe Sadaasa 28, 2019⁠tti dha.

Muddee 12, 2019, Manni Murtii Naannoo Kaamchaatkaa inni Magaalaa Peetroopaavlooviskii-Kaamchaatsikiitti argamu dhimmicha gara abbaa alangaatti deebise. Kun kan godhamu yeroo baayʼee yommuu manni murtii waaʼee himata sanaa ragaa gaʼaa hin argannetti dha. Haa taʼu malee, Guraandhala 4, 2020, manni murtii ol aanaa murtoo isaa jijjiiree dhimmicha ilaaluu eegale. Dhimmichi erga ilaalamee booda abbootiin taayitaa haadha manaa Obboleessa Leedeenyoovii fi obboleettii kan biraa kan qoran siʼa taʼu, Obboleessa Leedeenyoov irratti sobaan ragaa akka baʼan gochuuf yaalaniiru. Taʼus, obboleettii Leedeenyoovii fi obboleettii kan biraan kun irra deddeebiʼanii didaniiru.

Firoottan obboleessa Leedeenyoov Dhugaa Baatota hin taane sababa amantii isaatiif maaliif akka himatame hubachuu hin dandeenye.

Obboleessi Leedeenyoovii fi haati manaa isaa Murtii isaaniif kennamu yommuu eeggatanitti isaaniif ni kadhanna. Hafuurri Yihowaa akka isaan irra buufatu amanannaa qabna.—1 Pheexiros 4:14.

a Guyyaan isaa jijjiiramuu dandaʼa.